4 obsi amalani d'ufa, amali abdiini d'ufa.
Ammo eegi isani bulti diqo toko gaargaltani, Waaqi eeba ch'ufa, ka aka guddinna Kristo woliini qoodattani isani yaame, isani qit'eese, jabeenna isanii kenne, yayaba jaba isanii mid'aasa.
Ayyaana nama gaargala obsuuti; eegi ilaalacha dabsate, eebafi jireenna argata, ta Waaqi nama isa jaalatu d'aamate.
Anini hojja ch'ufa si abdad'e, haga qara ira si faarsa.
Wonti akanatiifi waan t'aafi keesati t'aafani ch'ufa aka nu barsiisaniifi t'aafani, aka nu abdi maro jabeennaafi obsa t'aafiini nuu kennitu argannu.
Obsa akasi ch'allaani lubbu teesani baaftani.
Isani aka inni guddo wo bahu imbeetani, ammalle aka anafi inni aka abbaafi ilma maro Odu Dansaatiifi woliini hojanne imbeetani.
Abdiini tuni jabduu aka male nu jabeesiti. Isiini jabdufi d'uga, ammalle golla Mana Waaqa ka gubba jiru keesa seenti, haga Fulla Qulqullo.