Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Roomaa 4:6 - KITAABA WAAQA

6 Gaafa Daudiini waan gammada nama Waaqi huji male d'uga hereguufi dubbate, inni aka jed'e:

Gade chapit la Kopi




Roomaa 4:6
31 Referans Kwoze  

Inni nu baase, jireenna qulqullo iti nu yaame, maro nu waan dansa tolchinefiiniti, ammo maro fed'ifi eeba isaati. Inni eeba tana ato lafa inuumiini Kristo Yeso keesa nuu kenne,


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


isaani takaa tahu. Anini ammatana d'uga nami Seera guutu argatu tokole inqabu. Anini amma d'uga ta d'ugefacha Yeso Kristotiini argatani qaba, d'uga Waaqa biraa d'uftu, ta d'ugefachaani argatani.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna! Inni Kristo keesa nu eebise eeba ch'ufa ta lubbu gubbaa nuu kenne.


Wonti Kristoni waan kana tolcheefi aka eeba Waaqi Abrahamu kakhate, maro Yeso Kristotiifi gosa d'ibilee kennani, ammalle aka nuleeni maro d'ugefachatiifi Lubbu Waaqi kakhate arganu.


Inni eegi suni qabanqaba qabate, qabanqabaani tunini beesisa Waaqi isaa kenne, ka maro d'ugefacha isaatiifi d'uga isaa heregani agarsiifti, ato inni qabanqaba inqabatini. Tanaafi Abrahamuuni Abba worra Waaqa d'ugefate ka Waaqi d'ugaa heregeefi ch'ufa, ato qabanqaba qabachu d'ibaatele.


Wonti akanatiifi Odu Dansa keesa Waaqi kara inni d'uga nama hereguuni agarsiisa: karaani suni d'ugefacha ch'alla. Akuma t'aafiini jettu, Nami Waaqi maro d'ugefachatifi d'uga hereguufi injiraata.


Ammo woraani tokoleeni dandae woma si intolchu; nama si himatu ch'ufa waan jettuuni qabda. Anini hojatu tiyya ch'ufaa kalche, waan ch'ufa worra dabsachiisa. Dubbi tana AABBO Waaqati jed'e.


AABBO Waaqa faarsa! Ayyaana isaati ka AABBO Waaqa sodaatu, ka hojja seera isaa guutu gammadu.


Maqaani kiyya Simoni Petro, anini hojattufi ergattu Yeso Kristo. Anini tatabe tana gara worra d'uga Waaqaatiifi ta Qarqaarsa Yeso Kristotiini d'ugefacha dansa aka teenna argateti t'aafa.


Isani gaafasi guddo gammaddani! Ammo amma maanti lafa d'ufe re? Wonti anini waan keesani jed'u tana: yo dandeetani gaafasi sila ilale ufi keesaa fuutani naa kennitani!


Ammo maro teennale ya t'aafani, nu ka Waaqa, Yeso Aabbo keenna duisa keesaa kaase d'ugefannule d'uga heregani.


Gammadi Daudiini dubbate kunini ka worra qabanqaba qabate ch'allaa? Hiyyo ka worra qabanqaba inqabatinile. Wonti akanatiifi nu ya waan t'aafiini jettu himne, Abrahamuuni Waaqa d'ugefate, maro d'ugefacha sunitiifi Waaqi nama d'ugaa isaani jed'e.


Wonti nu ufi guddimnuufi maani re? Injirtu! Maafi akana? Waan nami Seera gula deemuufi? Hiyyo, ammo waan inni d'ugefatuufi.


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


Worra Yudatifi ka Yerusalemu lubbu baasani nagayaani teesisani. Dira sunile maqa iti baasani, AABBO Waaqi D'uga teenna jed'ani.


Mani hayyu Yuda, aka lafa Gileaditifi gaareeni Lebanoni nati mid'aaga. Ammo anini ona nami keesa injirre isa tolcha.


Ee Israeli, isani gammachu akami qabdani! Gochiti aka teesani tokoleeni injirtu ta AABBO Waaqi baase. Wonteefi goraadeeni teesani, ta nyaapa isani ira d'owarte isani dabsachiiftu AABBO Waaqa. Nyaapi keesani, lubbu nu baasa jed'e isani kad'ata, ammo isani ira ejaanjaattani.


Abbaani hojattu taani guddo ture gadi deebie, henna suni ch'ufa worra woliini tolche.


Ammo nami huji inhojanne, ka Waaqa nama wollaala qabuuni, Inqabdu jed'e ch'alla d'ugefate, Waaqi d'ugefacha isaa ilaale d'uga heregaafi.


Ayyaana worra daba isaani araaramanifi wollaala isaani biraa deemanifi.


Ammo nami toko waan jed'u, Atini d'ugefacha qabda, ammo anini huji qaba. Ammo anini waan jed'uuni, D'ugefacha ta huji dansa inqamne na agarsiisi; d'ugefacha tiyya anini huji dansaani sii garsiisa jed'aani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite