Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Roomaa 12:8 - KITAABA WAAQA

8 Yo nama d'ibi jabeesine, aka dansa jabeesu malle. Nami waan harkaa qabu namaani gahu fed'u ha arjoomaani gahuuni; nami nama dura deemu ha aka dansa dura deemu; nami namaa nahu ha gammadaani nahu.

Gade chapit la Kopi




Roomaa 12:8
57 Referans Kwoze  

Tanaafi nami ch'ufti waan kutate ha baasuuti, garaa tokooni, irreeni injirtu, waan Waaqi nama gammadaani wo kennu jaalatuufi.


Jaarole ta nama dura yaate huji dansa hojattu hori gudda baasuufi malani, keesuma worra aka dansa hojate nama barsiise dubbi odeesu.


Gumi keesaleti Waaqi ya nama ch'ufa fulla ufi kenneefi: qaraa fiit'e ergattu, ta lameeso raagoota, ta sadeeso barsiiftu; duuba jara waan mama tolchuufi ka d'ukuba fayyisufi ka nama qarqaarufi ka nama dura deemuufi jara afaani d'ibiini dubbatu.


Nama isani dura yau saalfad'a, dubbi worraa ch'aqasa. Worri hojja ch'ufa lubbu teesani qorqorata, maro Waaqi waan worri tolchu worra gaafatuufi. Yo isani worraa saalfattani, worri gammadaani huji ufi hojata; yokhaani lalefachaani hojata, lalefachaani sunini woma isani imbaatu.


Yudafi Silani, waan raagoota tahaniifi, dubbi hedduuni oboleyaani jabeesani gorsani.


Eegi dubbi Seeratiifi ta raaga soomani, jaaroleeni Mana Waaqaa kaani nama worrati ergite waan jetteeni, Oboleyaani, yo nama gorsu feetani, dubbad'a.


Nama isani dura deemuufi gumi Waaqa ch'ufa nagaya nuu fuud'a. Oboleyaani lafa Taliana nagaya isani d'aamti.


Anini isani kad'ad'a, oboleyaani tiyya, aka isani dubbi gorsa tana aka dansa ch'aqaftani; tatabeeni anini isanii t'aafe tunini guddo d'eertuniti.


Worra duri isani dura yau qaabad'a, ka dubbi Waaqa isaniti hasae. Aka worri duri tahe due herega, d'ugefacha worra gula yaa.


Wolwoldeenna lakisu himmalle, aka nami gari tolchu jiru. Ammo woljabeesiinna, wonti akanatiifi aka guyyaani Aabbo d'iaatu argu jirtani.


Yo isani guddo wo kennu feetani, Waaqi waan isani qabdani ka isani baaftani fud'ata, waan isani inqamne imbarbaadu.


Ammo nami Dubbi Waaqa dubbatu namaani dubbateti qarqaare garaafi qalbi jabeesa.


Tanaafi ufiifi hooliye Lubbuuni Qulqullooni isaniti kennitele qorqorad'a, aka gumi Aabbo ta inni d'iiga ufitiini bitate nyaachiftani.


Lafa suni keesa dedeeme gumi guddo gorse lafa Griki d'aqe.


Haga anini d'ufuuti, T'aafi Waaqa namaa soomi, dubbi Waaqa hasai, nama barsiisi, jabeesi hojad'u.


Maro jaalala nu isani jaalanneefi, nu kurfo jirra aka Odu Dansa ta Waaqa ch'alla isanii kenninuuniti, ammo aka jireenna keennale isanii kenninu. Nu guddo isani jaalanne!


Wonti akanatiifi woni nu isani kad'annu wollaalafi d'araa hamtuufi sobisa tokole inqabdu.


Tissele, aka abbooti teesani gammachiiftani, hojja worri isani ilaalu ch'alla inch'aqasiina, ammo hojja ch'ufa ga ga garaa dansa ka Waaqa sodaatuni ch'aqasa.


Tissele, abbooti teesani, sodaafi holachani ch'aqasa, akuma waan Kristo hojattani garaa tokooni hojad'afi.


Anini insodaad'a; hegeri qalbiini teesani hamaatte jaalala Kristo qulqullo lakiftani — akuma bofi Hawai malteeni sobe.


Hujiini teesani tunini d'ugefacha teesani agarsiifti, tanaafi nami hedduuni Waaqa guddisa, waan isani akuma d'uga Odu Dansa ta Kristo jaalattani guuttaniifi, ammalle waan isani arjoomtani worraafi nama d'ibile geetaniifi.


Waaqi isani duroomsa aka isani hojja ch'ufa arjaa taatani; duuba nami hedduuni maro waan isani baaftani harka keennati kennitani, ka nu worraa kenninnefi galata Waaqa deebisa.


Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.


Maro waan kanatifi isani gibira baaftani; wonti akanatiifi jari wo fidu kunini, yo hojatu, Waaqaa hojachu jira.


Waan qabdaniini oboleyaani gaargala qabdu qarqaara. Worra keesaniti keessuma bulcha.


Hayyuuni waan jed'u, Waan anini isaniti himu, waan oboleyaani tiyya didiqo tanaa tolchitani yayu nale tolchitani.


Atini nama gammadaani d'uga gula deeme kara kanke jabeese qaabatu qarqaarta. Ato atini nuti dallantele, nu daba iraa indeebine, hojja ch'ufa inuma tolchina. Ato dallansuuni tante guddo taatele, nu haguma duriti ch'ubbuma gula yaane.


Ammo nami d'uga waan d'uga tolche waan qajeeluma gula deema.


Deebiani daalleleeni, nama d'uga injed'ani, yokhaani ch'ubbichaleeni, qajeela injed'ani.


Galgalaafi diiramale mid'aani fach'aasi, wonti akanatiifi atini ka ira baha imbeetu, yokhaani aka lachu akuma takaa bahani imbeetu.


Waan hojattu ch'ufati jabaad'i, wonti akanatiifi fulla dua ta worra gadi, ta atini iti deemtu, huji, herega, beekha, yokhaani qaroomileeni tokoleeni injiru.


Nami tolaani hiyyeesa sagale ufi qoodu, eeba argata.


Inni arjomaani hiyyeesa woi kenne, dansumti isaa haga jirtu inhobaatu, inni irre horate, gurra dansa argata.


Ch'ubbichi liqe fuud'e baasuu dad'aba, ammo nami d'ugaa arjomaani woi namaa kenna.


AABBO Waaqa keesani durati gammada, isani, ilmaani teesani, hojattu teesani, worra gosa Lawiti, keessuma teesani, hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyi ta dira keesani keesa teetu. Jila suni fulla AABBO Waaqi fohateeti tolfad'a.


waan AABBO Waaqi eebani isanii kenne keesa, ree taanaani, mid'aani taanaani, daad'i taanaani guddisa kennaafi.


Anini isa yayu fohad'e, aka inni ilmaani isaatiifi ababoota isaa gorse, aka worri na ch'aqase waan dansaafi ka qajeela tolchu. Yo worri waan kana tolche, anileeni waan Abrahamuu Intolcha jed'e ch'ufa intolchaafi.


Hayyuuni kaani waan kana arginaani d'ugefate, waan barsiisa Aabbo guddo mame.


Namichi toko ka Yusufu jed'ani, ka ergattuuni Barnaba jettuuni (Nama nama jabeesu jechu), ka gosa Lawi, ka lafa Kipro,


D'umnaani inni eeba Waaqa arge guddo gammade nama ch'ufati hime, aka garaa tokooni Aabbo d'ugefatani.


Waan dansa tolcha jed'iini, Huji dansaani durooma jed'iini, Arja taha, waan qabdani namaa qooda jed'iini.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite