Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Roomaa 12:7 - KITAABA WAAQA

7 Yo namaa hojanne, aka dansa hojachu malle. Yo nama barsiimne, aka dansa barsiisu malle.

Gade chapit la Kopi




Roomaa 12:7
31 Referans Kwoze  

Isati wo namaa kenne; nama gari ergattu tolche, ka gari raaga tolche, ka gari odeesitu dubbi tolche, ka gari tissitu tolche, ka gari barsiiftu tolche.


dubbi tana barsiisi, hojja ch'ufa odeesi, yo fed'anifi yo imfeenele namaa galchi, gorsi, jabeesi, obsaani barsiisi.


Jaarole ta nama dura yaate huji dansa hojattu hori gudda baasuufi malani, keesuma worra aka dansa hojate nama barsiise dubbi odeesu.


Gumi Waaqa ta lafa Antiokia jirtu keesa, raagootafi nama wo barsiisu jira. Worri suni Barnabafi Simoni ka Guraacha jed'aniifi Lukio ka lafa Kirenetiifi Manaeni ka hayyu Herode woliini guddateefi Saulo.


Hojattuuni Aabbo woldidu himmalle. Inni nama ch'ufaa nahu male, barsiiftu dansaafi ta obsa qabdu,


Dubbi tiyya ta anini si durati nama barsiise heddu nama atini d'ugefattu, ka dandae nama d'ibile barsiisuti kenni.


Ufiifi barsiisa teetile eegi. Waan kana guuti: wonti akanatiifi yo atini waan kana guute ufiifi jara si ch'aqasule imbaafta.


Nami suni nama wollaala qabu intahiini; ha niiti toko ch'alla qabaatu, nama qalbi dansa qabu tahu male, ka ufi qorqoratu, adaba qabu, ka amala dansa qabu; inni keessuma bulchu male, namale aka dansa barsiisu male;


Maro waan kanatifi aka anini ergattufi, barsiiftu gosa d'ibi tahu na ergani, aka d'aamsa d'ugefachaatifi ka d'ugaa odeesu. Anini kiyyibuuti injiru d'uga dubbachuu jira!


Arkiponi, Huji Aabbo ta harka keetiti kennani hojad'u guuti jed'iini.


Nami dubbi Waaqa barsiisani ha waan dansa qabu ch'ufa nama isa barsiiseeni gahuuti.


Gumi keesaleti Waaqi ya nama ch'ufa fulla ufi kenneefi: qaraa fiit'e ergattu, ta lameeso raagoota, ta sadeeso barsiiftu; duuba jara waan mama tolchuufi ka d'ukuba fayyisufi ka nama qarqaarufi ka nama dura deemuufi jara afaani d'ibiini dubbatu.


Tanaafi ufiifi hooliye Lubbuuni Qulqullooni isaniti kennitele qorqorad'a, aka gumi Aabbo ta inni d'iiga ufitiini bitate nyaachiftani.


Ammalle waan isani olaana tokole inhambimne, ato isanii agarsiise barsiisu, nama duraafi maneeni teesani keesaleti.


Eegi suni jari Yeso heddannaani worra afaani Griki dubbatufi ka afaani Ebrania dubbatu wold'abani. Jari afaani Griki dubbatu nad'eeni teenna ta d'iirsowani iraa raawate, qooda sagale ka guyya ch'ufa keesati aka dansa inqorqoratani jed'e himate.


Inni Yesoti halkaniini d'ufe waan jed'eeni, Rabbi, nu imbeenna aka atini qaallu gara Waaqati d'ufe; wonti akanatiifi nami tokoleeni akheekha atini tolchitu kana dandae intolchu, yo Waaqi isa woliini jiraate male.


Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna,


Jennaani namichi lafa eegu kaani waan jed'u, Aabbo, anini halkani guyya doofi tiyya gubba eje wo laale.


Ammo waan Abbaani Herega sunini qarootifi, inni waan ufi beekhu halkanifi guyya nama barsiise. Inni mammaasa heddu barate qajeelche jed'e.


Duuba anini seera kanke worra ch'ubbuu barsiise, worrileeni siti deebia.


Ilmaani tiyya koota na ch'aqasa, aka Waaqa sodaatani isani barsiisa.


Anini ufii gama kiyyani AABBO Waaqi na didinna aka anini isanii kad'achu lakise isati inch'ubbamne. Ammo fulla suni, anini kara dansaafi ka d'uga isani garsiise isani barsiisa.


Worri ijoolle ufii ta Yakobo aada tante barsiise, Seera kanke ilmaani Israeli barsiisa; worri sorio fulla sorio iti qalaniti sii baasa.


Kara hedduti ka woiini hojatani jira, ammo Aabbo tokocha hojatani.


Wonti anini jechu jiru kunini maani, oboleyaani? Hojja isani wolwoldeetani, nami toko sirba qaba, toko barsiisa qaba, toko waan Waaqi iti mullise qaba, ka d'ibiini afaani d'ibiini dubbata, kaani afaani deebisaafi. Wonti ch'ufti sila gumi qarqaaru malte.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite