6 Tanaafi waan qamnu ch'ufaani eeba Waaqi nuu kenne gula hojachu malle. Yo hujiini teenna dubbi Waaqa odeesiti taate, d'ugefacha Waaqi nuu kenne gula odeesu malle.
Anini sila nama ch'ufa ka aka kiyya jiru fed'a; ammo nami ch'ufti kenniti Waaqi kenneefi qaba, nami toko kenniti tana qaba, ka lameeso kenniti d'ibi qaba.
Maro eeba Waaqi naa kenneefi anini waan isani ch'ufaani jed'u: Ufi saaddani ufi inguddisiina. Ammo herega keesani keesati ufi diqeesa, ammalle nami ch'ufti d'ugefacha Waaqi isaa kenne gula ha ufi qoruuti.
Wonti akanatiifi anini guddo isani argu fed'a, aka kenna Lubbu ta isani jabeesitu isanii kennu.
Ato anini guddo hasau beekhe, qalbi ch'ufa qabaad'e waan d'ossani ch'ufa beekhe d'ugefacha gaara buqiftu qabaad'e, ammo jaalala inqamne, anini woma keesa injiru.
Isati wo namaa kenne; nama gari ergattu tolche, ka gari raaga tolche, ka gari odeesitu dubbi tolche, ka gari tissitu tolche, ka gari barsiiftu tolche.
Jaalala barbaadu maltani. Abdi teesani kenniti Lubbu gubba keyachu maltani, keesuma kenniti dubbi Waaqaatiini hasaani.
Yo isani guddo wo kennu feetani, Waaqi waan isani qabdani ka isani baaftani fud'ata, waan isani inqamne imbarbaadu.
dubbi hafuura Waaqa qabdu intufatiina.
Nami lamaa sadi ka dubbi, Waaqa barsiisu ha dubbatuuti, ato jari kaani waan worri jed'u ch'aqasu.
Yudafi Silani, waan raagoota tahaniifi, dubbi hedduuni oboleyaani jabeesani gorsani.
Waaqi waan jed'u, Guyya muumme anini akana tolcha: Anini Lubbu tiyya nama ch'ufa ira buusa; ilmaani teesani ta d'iiratifi ta uwaleeni imfaddi, kaimi keesani daayya arga, jaaroleeni teesanileeni oobju oobjatti.
Nuuni nami gugurdaani ch'ufti sila herega kana qabaachu malle. Ammo yo isani hagi gari herega d'ibi qabaattani, Waaqi isani agarsiisa.
Duri waan d'ossa kana namati inhimani, ammo amma Waaqi ya Lubbu ufitiini ergattu ufi qulqullofi raagootati mullise.
Gumi Waaqa ta lafa Antiokia jirtu keesa, raagootafi nama wo barsiisu jira. Worri suni Barnabafi Simoni ka Guraacha jed'aniifi Lukio ka lafa Kirenetiifi Manaeni ka hayyu Herode woliini guddateefi Saulo.
Tanaafi Qalbiini Waaqaleeni waan jette, Anini raagafi ergattu worrati erga; nama gari ijeesani, ka gari gaargalchani.
Tanaafi waan anini isaniti himu: Anini raagootafi worra qalbi qabuufi qaaloota isani erga; ka gari fitt'ani, ka gari mukhati fanniftani, ka gari Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati lichooni d'aantani, dira ch'ufa keesaa haatani.
Ammo yo nami ch'ufti dubbi Waaqa hasae, nami diida ka ind'ugefatiini, yo olseene, maro dubbi teesanitiifi aka daba qabu ufi arge ufi qora.
Namichi kunini ijoolle dubra afuri qaba, ta dubbi Waaqa hasooftu.
Apolooni eennu? Pauloni eennu? Nuuni lachu hojattu Waaqaati ka isani d'ugefachiise. Nuuni ch'ufti huji ta Aabbooni nuu kenne tolchina:
Ammo Waaqi mita ch'ufa, aka fed'u, nafa ke naqe.
Waan ch'ufa ira, waan kana qaabad'a: nami tokoleeni dandae fagiisa t'aafi qulqullo keesati t'aafani akuma fed'u inhimu.
Namichi shilingi kunki diddama iti kennani kaani d'ufe waan jed'e, Atini kunki diddama nati kennite, ilaali, kunkiini diddama d'ibileeni tana.