Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Roomaa 12:2 - KITAABA WAAQA

2 Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.

Gade chapit la Kopi




Roomaa 12:2
61 Referans Kwoze  

Ijoolle Waaqa saalfattu taha, d'araa gaafa woma imbeenne qabdani taani amma gula indeemina.


Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte.


hareesa fud'attaniifi. Finni hareesi kunini waan Waaqi, aka isa uume fakeenna ufi gula haraa tolchu aka akasiini ufi isani beesisu.


Indaallaina, fed'i Aabbo Waaqaa hubad'a.


Anini garaa haareesafi qalbi hareeti isanii kenna. Anini garaa keesani jajaba aka d'akha suni jijire, garaa laana ka Waaqaa saalfatu isanii kenna.


Armaa achi jireenna keesani ch'ufaani fed'i Waaqa keesa taa, d'araa nafa lakisa.


Tanaafi oboleyaani tiyya maro naasu Waaqa guddotiifi anini isani kad'ad'a; aka sorio jirtu Waaqaa ufi baasa huji isaa hojad'a isa gammachiisa. Tunini aada d'ugaa ta isani tolfachuu maltani.


Yo isani nama lafa tanaa taatani, nami lafa tana akuma woljaalatu isanile jaalata. Ammo waan isani nama lafaa intahiiniifi ammalle waan anini lafa keesa isani fohad'eefi, nami lafaa isani jibba.


Ee Waaqa, garaa qulqullo naa kenni, lubbu hareeti sira gara ingalle na keesa kai.


Ammo miha lola ka Aabbo Yeso Kristo keyad'a, adaba keesani ka daba, ka d'araa nafa keesani quufsu lakisa.


inni nu baase. Maro huji dansa nu hojannefiniti, ammo maro naasu isaatiifi nu baase, Lubbu Qulqullooni nu d'iqe, isiini d'aloota hareesafi jireenna haraa nuu kennite.


Isani worra d'ugefacha inqamne! Aka yo jaala lafa tahani, nyaapa Waaqa tahani imbeetani? Nami jaala lafa tahu fed'u ch'ufti nyaapa Waaqaa taha.


Wonti worri ind'ugefanneefi waan hamaani lafa tana keesa jiru qalbi worra dukaneeseefi. Inni ifsa worrati ifsu argu worra d'owa, ifsa Odu Dansa ta guddinna Kristo keesa d'ufu, inileeni akuma Waaqa jira.


Anini dubbi tante yayu worrati kenne, nami lafa ya worra jibbe, waan worri nama lafa intahiiniifi, akuma anileeni nama lafa intahiini.


Kara kanaani, inni ya kakhu dansa, ta guddo wo nu baatu nuu kenne, aka eegi waan inni kakhate argattani, d'araa badi, ta lafa tana keesa jirtu, duraa baatani, Waaqa fakaattani, jireenna isaa qoodattani.


Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.


Hameenna isani tolchitani kana ch'ufa yaala baha, qalbiifi garaa hareesa horad'a. Isani worri Israeli, maafi badu feetani?


Aka AABBO Waaqi dansa ufumaani argi. Ayyaana isaati ka isaati d'eetu.


Tanaafi himamiina, oboleyaani tiyya, yo nami lafaa isani jibbe.


Wonti Waaqi isani iraa fed'u tana: inni isanii qulqullooftani algalooma lagattani fed'a.


Nu imbeenna aka nu ka Waaqa ammalle aka lafti ch'ufti harka Hama Kaani keesa jirtu.


Wonti anini kad'ad'u, aka qalbiini teesani banamte ifsa isaa argitani, aka isani abdi inni iti isani yaameefi eeba durooma ta inni gumi isaati kakhate hubattani,


Yo nami maro Aabboofi Qarqaarsa keenna Yeso Kristo beekhufi t'uri lafaa keesaa bahe, ammo ammalle hameenni suni isa qabe dabsate, nami sunini haga qarale ira hameenna keesa jira.


Hojja suni kara lafa ka daba gula yaatani, hayyu jabeenna ka qilleensa ch'aqaftani, ka lubbu amma worra Waaqa inch'aqamne mohatu.


Ee AABBO Waaqa, anini baafama keeti guddo d'araa! Seeri kanke na gammachiisa.


Aka d'aloota hama kana keesaa nu baasu Kristoni maro daba keennatifi ufi baase, fed'i Waaqa Abba keennati guute.


Wonti akanatiifi wonti nami lafa qarooma sehu fuula Waaqa durati woma imbaatu. Akuma t'aafiini jettu, Waaqi nama qaro qarooma isaa keesati t'urura keesa kaya.


Tanaafi anini barsiisa tante ch'ufa gula deeme kara hama ch'ufa jibba.


Garaa kiyya keesati Seeri Waaqa na gammachiisa.


Ee Waaqa, anini seera kanke akami jaalad'a! Anini hojja ch'ufa tae waan isaa herega.


Seeri kanke ka atini na barsiifte qarsifi worqile ch'ufa ira woi naa baha.


Biyyiti dandeete isani injibitu, ammo na jibbiti, waan anini hameenna worraa himuufi.


Gumi waan hamtu tolchitu gula indeemina, yokhaani gumi d'ara gula yaatu gula baatani d'uga ind'ossina.


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Wonti akanatiifi isani ya arjooma Waaqaa gartani.


Dubbini tante akami mioofti isiini damma irale nati mioofti!


Seeri ch'ufti qulqullofi qajeelafi dansa.


Epafraleeni ka gumi teesani, ka hojattu Kristo Yeso, nagaya d'aama. Inni hojja ch'ufa guddo Waaqa isanii kad'ata, aka isani jabaattani guddattani aka dansa d'ugefattani fed'i Waaqa ch'aqaftani.


Wonti akanatiifi isani imbeetani, aka aada hamtu abbooti teesani iraa barattani keesaa isani bitani. Horiini suni waan hamaatatiiniti, aka qarsifi worqifa.


Armaa achi anini guddo isaniini indubbad'u, wonti akanatiifi hayyuuni lafa tana d'ufuti jira, inni jabeenna womatu ka woiini na tolchu inqabu.


Nu aka Seeri waan lubbu heregu imbeenna; ammo anini namuma, aka tisse dabati na gurguratani.


Jawe guddo taani gadigatani! Isiini suni bofa duri kaani, ka Sheet'ana yokhaani Jinni jed'aniini, ka lafa ch'ufa sobe. Isaafi malaika isaa ch'ufa lafati gatani.


Amma tana daba keesani AABBO, Waaqa ababoota teesaniti himad'a, fed'i isaale tolcha.Nama gosa d'ibi, ka lafa teenna keesa tau, lagad'a nad'eeni gosa d'ibi ta qara fuutani ufi jalaa yaasa.


Mid'aani qoraati keesati fach'aasani suni nama dubbi d'agaye, ammo herega lafatiifi sobi durooma dubbi taani ukaamse, mid'aani d'alu d'owu fakaata.


ammo d'ipu lafa tanaatiifi gammada horitiifi d'araani gosa ch'ufaa seente, dubbi qanch'arsitu, aka mid'aani imbaamne.


Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite