Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Roomaa 11:16 - KITAABA WAAQA

16 Yo qit'a qara bukheesani Waaqaa kennani, yoosi qit'aani ch'ufti ka isaati; ammalle yo hidda mukha Waaqaa kennani, dameleeni tami isaati.

Gade chapit la Kopi




Roomaa 11:16
17 Referans Kwoze  

Fed'i isatiini inni dubbi d'ugatiini nu uume, aka nu uumama isa ch'ufa keesa angafa taanu.


Qaaloleeni waan oobruuni qaraa baaftu dadansaafi waan naa baasani d'ibile ch'ufa fud'achu malte. Biyyiti hojja qit'a d'aabdu ch'ufa qit'a qara d'aabad'u ha qaalole kennitu, aka akasiini eeba tiyya argattu.


Waan lafti tante sii baaftu dadansa ch'ufa AABBO Waaqaa baasi, akasiini isa guddisi.


Anini duri aka sanyi zabibu dansaa isani oobre, amma waan isani taatani laala. Isani mukha zabibu, ka shame woma imbaamne, fakaatani.


Damele ejersa oobru keesa jiru ta gari ya ch'ach'absani, dame ejersa raasa keesa jiruti mat'ansani. Isani gochiti d'ibiini aka ejersa raasa jiru jirtani, amma jireenna lubbu dureesa ka Yahudi qoodattani.


Waan atini worra Israelitini jettu, Hojja isani lafa anini isanii Kennuni baatani mid'aani isii murattani, mid'aani qara haamatani wolti qaba qaallu geesa.


Tanaafi amma nu AABBO Waaqa mid'aani qara muranne bamanaafi. Duuba dadu suni AABBO Waaqa dura kaya, isa kad'ad'a.


Ammalle qooda qara ka mid'aanifiti ka daad'itiifi ka dabassa hooliye ha fud'ataniti.


Yo mid'aani qara oobrani murattani, jila tolfad'a ammalle gaafa wogaani geete, ka mid'aani tuultani galfattani jila Hoosa tolfad'a.


Anini wold'aqisa siifi ilmaani teetifi d'aloota d'ufule woliini tolfad'u jabeese, wold'ageetiini teenna ta jiru jireenna taati. Anini Waaqa keetifi ka ilmaani tanteeti taha.


Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.


Wonti akasitiifi d'iirsi ind'ugefanne niiti ufitiini qulqullaa, akasuma niiti ind'ugefanneleeni d'iirsa ufitiini qulqulloofti. Yo sila akasi intahiini ijoolleeni worraa aka ta worra Waaqa imbeenne taati; ammo amma ya qulqulloofte.


Ganna ch'ufa Mana AABBO Waaqa keesani mid'aani qara murattani kootaani. Ilmoole haad'a hootu na ind'aabiina.


Mid'aanifi daad'i teesani keesaa sorio naa baasa; ammalle ilmaani teesani ta d'iira ta angafa naa kenna.


Uumama ch'allaaniti, nu ka mid'aani qara ka Lubbu qamnu, nuleeni, ato aka Waaqi d'ufe ilmaani isaa nu tolfate nu baasu teteenne eegannu imboonayu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite