12 Wonti akanatiifi jiddu Yahuditiifi gosa d'ibile wolhanqooni injirtu; Waaqi Aabbo, inni nama ch'ufa imohata, nama isa yaamatu ch'ufa ineebisa.
Waaqi kiyya, durooma Kristo Yeso keesa jiru ch'ufaani waan isani feetani ch'ufa isani kenna.
Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi.
Waaqi maro Yeso Kristo d'ugefataniifi nama ch'ufa d'uga heregaafi. Waaqi nama Kristo d'ugefate ch'ufa waan kana intolcha woldabraani injirtu:
Tanaafi Yahudifi gochiti d'ibileeni takuma tisseefi balchaleeni takuma, d'iirafi nad'eenileeni takuma; Kristo Yeso keesati nami ch'ufti taka.
Atini nuu dansa, ch'ubbule nu araaramta. Ammalle nama si kad'atu ch'ufa jaalala tante ta ind'umanne garsiifta.
Maro waan kanatifi Yahudiini yokhaani gochiti d'ibiini injirtu, nama qabanqaba qabatefi ka inqabatini injiru, nyaapafi nami aada imbeenneleeni injiru, tisseefi balchaani injiru, ammo Kristo ch'allati jira, ammalle waan ch'ufa isumati keesa jira!
Inni nama d'ugaafi garaa tokooni isa yaamatuti d'iaata.
Wonti akanatiifi Waaqa toko ch'allati jira, ammalle ka Waaqafi nama woltiini d'ufu namicha toko, ka Kristo Yeso jed'ani,
nami ch'ufti diideese, Yeso Kristoni Aabbo jed'u, aka maqa Waaqa Abba guddisani.
Wonti d'ossani tana: maro Odu Dansatiifi gochiti d'ibileeni, akuma Yahudiini argatte, eeba Waaqa argatti; worri ch'ufti mita nafa tokoti, kakhu Waaqi Kristo Yeso keesati tolchele inargata.
Woya isatiifi miila isaa gubbati maqa isaa t'aafani, Hayyu hayyoota, Aabbo abbooti ch'ufa jed'ani.
Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa,
Wonti akanatiifi Kristoni aka nama jiruufi ka duele abba tahuufi due kae.
Hegeri arjoomafi naasufi obsa isaa tuffatta. D'uguma arjooma Waaqa, aka inni daba ira si deebisu fed'u, inagarta.
AABBO Waaqa barbaada, hojja inni argamu, Waaqa yaamad'a, yo inni d'io jiru.
Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.
Isani eeba Aabbo keenna Yeso Kristo imbeetani: inni dureesa, ammo maro teesaniifi ufi hiyyoomse, aka hiyyuma ufitiini isani duroomsu.
Adamu qara biyye lafatiini uumani: Adamuni lameeso gubbaa d'ufe.
Gara gumi Waaqa ta Korintho jirtu ta yaamani worra Waaqa tolchani, ta maro Kristo Yesotiifi worra isaa taate, ammalle gara nama lafa ch'ufa ka maqa Aabbo Yeso Kristo yaamatu: Inni Abba keennafi ka worraati.
Wonti inni waan kana tolcheefi, aka hojja ch'ufa durooma eeba isaa, ta inni Kristo Yeso keesa qabu, nu agarsiisu.
Ammo naasuuni Waaqa guddo; inni guddo nu jaalata;
Ammalle Isayani waan jed'u, Nami d'aloota Yese ind'ufa; inni olkaeti gosa d'ibi fida; isiini abdi ufi isa gubbaa keyatti.
Ammalle arma inni maqa qaalole gugurdotiini d'ufe, aka nama maqa kanke yaamatu ch'ufa hid'u.
Anini Waaqa kad'ad'a, aka inni durooma guddinna ufitiini jabeenna Lubbu Qulqullo ta garaa keesani jabeesitu isanii kennu,
Anini gumi Waaqa ch'ufa maand'a qit'issu, ammo Waaqi huji gosa d'ibiti Odu Dansa odeesani nati kenne, aka durooma Kristo ka ind'umanne barsiisu,
D'akhaani Stefano had'uma had'ani, ato inni Waaqa yaamate, Aabbo Yeso, lubbu tiyya fud'ad'u jed'u.