Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 8:15 - KITAABA WAAQA

15 Inni lafa aloo ta gamooji ballo hamtu, fulla bofi had'aa qabuufi qaanjibbuni jirtu keesa isaniini deeme. Lafa goddu d'eebicha ta bisaani inqamne suni keesa inni ch'alalaqa d'akha keesaa bisaani isanii yaase.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 8:15
16 Referans Kwoze  

Jennaani AABBO Waaqi bofa had'aa hamtu qabu lafati buuse, bofi suni worra Israeli hedu nyaate, hobaase.


Jennaani Musani harka olfud'ate, rabsu d'akhaa kaani maro lama ule sunini d'ae, jennaani bisaani muumme inqamne keesaa baafatani, namafi sai ch'ufti d'uge d'eebu bahe.


Worri, ato anini lafa Misiri keesaa baase lafa aloo ta gamooji lafa d'eebicha ta maansa qabdu, lafa goddu gaargala heddu qabdu, ta nami tokoleeni iti qubate yokhaani imaltule keesa indeemne, keesa worraani deemele, diqole na iyyaalle.


Inni siida d'akhaa garagalche, haro bisaanii tolche, rabsu d'akhaa madda yaatuu tolcha.


Nu waan AABBO Waaqi keenna tolcha nuuni jed'e, tolchine. Duuba gaafa gaareeni Amoriti godaane, gaara Sinaiti kaane lafa aloo ballo nama sodaachiftu keesa dabarre.


Nami lafa aloo ta gamooji keesati isani qorqorate anuma.


bisaani mama sunuma d'uge; wonti akanatiifi d'akha mama ka worra gula deeme keesaa bisaani d'ugani; d'akhaani suni Kristo.


maansi aka ibida bobau kaani haro bisaani tahe, lafti godduleeni madditi. Fulla duri sareeni diida iti galtu buuyofi ilaadufi meelati baha.


Inni gumi ufi lafa aloo ta gamooji keesa godaansise; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.


Inni lafa gamooji keesa siida bane, bisaani aka galaana yaa keesaa baase.


Inni lafa dirre quubsise, mid'aani oobru nyaachise. Inni d'akha keesaa damma worra quubse qarsa keesaa d'ad'a kenneefi.


Tunini d'aamsa AABBO Waaqi waan bineensa lafa aloo ka bita d'aamate: worri ergani sunini lafa d'ipufi gaargala gudda qabdu keesa deema, ta nyeench'afi bofafi jaweeni aka male oriitu iti galtu. Worri harreefi gaala miha dadansa iti fae, gosa worra qarqaaru indandeenne geese.


Waan hareeti anini tolchu eegad'a. Wonti sunini tahuu jirti, isani amma ingartani! Anini lafa aloo kara ke baase, madda bisaani achiti isanii kenna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite