Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 7:25 - KITAABA WAAQA

25 Waan worri boch'e aka waaqa kad'atu ch'ufa guba balleesa. Qarsifi worqi waan suniti jirtu d'araatani infud'atina. Yo akasi taatani ya t'urura keesa ufi buuftani wonti akanatiifi wonti suni waan AABBO Waaqi guddo jibbu.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 7:25
22 Referans Kwoze  

Inni korma mid'aasani kaani fuud'e gube basse riiqe bulleese bulla taani bisaaniti bulbule worra Israeli obaase.


Jennaani worri Filisti baqate waan harkaani boch'ani ka worri kad'atu lafati lakise. Duuba Daudini jara isatini, Waan suni ch'ufa guba jed'e.


AABBO Waaqa keesani loonifi ree ka aabo qabu qaltani sorio imbaasinafi AABBO Waaqi hori akasi suni guddo jibba.


Waan nu fud'anne kana keesa, woya mid'aadu Babiloni d'ufte jira, ammalle qarsi kilo lamatiifi worqi ulfinni isii diquma kilo hanqatu arge, aka jaba jaalad'e, fud'ad'e. Amma atini yo laalte waaro tiyya keesati ingarta. Nati qarsi jala aanse waaro keesati awaale.


Fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu, aka worri old'ad'aabe ch'ufa, ch'ach'absa. Akheekha waaqa worra ka Ashera jed'ani gubaa waan worri boch'e aka waaqa kad'atu gargari ch'ira, aka deebiani fulla suniti inkad'anne.


Duuba waan isani harkaani boch'ani kad'atani, ta qarsifi worqiini mid'aasani, aka waan t'uri qabaati gadigatani waan jettani, Na biraa bada, nara fagaad'a!


Nami gari seera AABBO Waaqa ka inni, dira Yeriko keesa waan balleesu malani infud'atina jed'e inguunne. Nami toko ka maqaani Akani seera suni guutu dide AABBO Waaqa gosa Israeliti dallansiise. (Akaniini ilma Karmi, ka ilma Zabdi, ka balbala Zera ta gosa Yuda.)


Ammalle beese kara sharmut'oma kanaani argatani Mana AABBO Waaqa keesani d'uftani, waan kakhatani Waaqaa baaftani tolchitani imbaasina. AABBO Waaqi sharmut'oma akana kana guddo jibba.


Duuba waan isani taatani, fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu ka worri old'ad'aabe ch'ufa ch'ach'absa, akheekha waaqa worra ka Asheri jed'ani ch'iraa balleesa, waan worri boch'e aka waaqa yaamatu ch'ufa gubba balleesa.


Adda isi gubba maqa waan d'ossa irati t'aafani: Babiloni Guddo, haad'a sharmut'afi t'uri lafa keesa jirtu ch'ufa jed'ani.


namafi bineensafi simpirrefi qurt'umile. Anini worra ch'ubbu gaargalche badi itiini d'ufa. Ammalle nama ch'ufa balleesa, tokoleeni ka hafu injiru. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Gosa ch'ufa ka AABBO Waaqi keesani harka keesaniti kennu balleesa diqole inahiinaafi. Waaqa worraa inkad'atiina, yo kad'attani ya t'urura keesa buutani.


Ammo Musani waan jed'e, Akasi nuu intaatu, wonti akanatiifi sorioni nu AABBO Waaqa keenna baamnu worra Misiriti waan laguti. Yo nu sorio akana tana, ta worri Misiri lagatu, ila worraa dura qalle, worri d'akhaani nu had'a.


Waan nami d'ibiini qabu, mana isaa taanaani, niiti isaa taanaani, tisse isaa taanaani, looni isaa taanaani, yokhaani harrele, waan inni qabufu, tokole ind'arainiifi.


Waan nami dira suni qabu ch'ufa woltiguura, jiddu dira, fulla nami iti wolwoldauti, tuula. Duuba dirafi waan keesa jira ch'ufa guba, akuma sorio gubani AABBO Waaqa keesani baaftani. Diri sunini ha haguma jiru akasuma tahuti, deebitani injaarina.


Hayyu Yosiani d'akha aka utuba old'ad'aabani kaani ch'ach'abse bulleese, akheekha waaqa Ashtorethi jed'ani kaani ch'ire duuba fulla akheekhi kunini qara jiru kaani lafele namaatiini guute.


Qaallichi waan suni gubu male, wonti akanatiifi, damansi suni ya guddate waan ch'efa qabate, tanaafi ibidaani gubu malani.


Naraa gortani waan harkaani mid'aasani inkad'atiina. Yokhaani sibiila tumtani Waaqa jettani iyyaamatina. Anni AABBO, Waaqa keesani.


Waaqi nama waan boch'ani waaqa jed'e kad'atu ka d'akha taanaani, mukha taanaani, sibiila taanaani mid'aase d'ossani kad'atu ha abaaruti, AABBO Waaqi waan akana kana guddo jibba. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.


Isanifi wonti isani tolchitanileeni woma keesa injirtani; nami isani kad'atuleeni kara badii keesa jira!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite