Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 6:21 - KITAABA WAAQA

21 Waan isani jettaniini, Nu duri lafa Misiri keesati tisse Faraoti, jennaani AABBO Waaqi jabeenna isaa guddaani lafa suni keesaa nu baase.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 6:21
21 Referans Kwoze  

Qaabad'a, isanileeni duri, lafa Misiri keesati, tisse, ka AABBO Waaqi keesani keesaa isani baase: Tanaafi anini arra seera kana isanii keenna.


Anini AABBO Waaqa kanke ka lafa Misiri fulla atini tisse iti taate keesaa si baase.


Anini AABBO Waaqa kanketi, ka lafa Misiri fulla atini tisse iti tate keesaa si baase.


AABBO Waaqi waan jed'u, Isani ka baafama barbaada nati d'uftani, na ch'aqasa. D'akha isani keesaa baatanifi boola isani keesaa qotani qaabad'a.


Qaabad'i, aka atini duri lafa Misiri keesati tisse taate ammalle anini AABBO Waaqi kanke jabeenna kiyyafi humna tiyyaani si baase. Tanaafi anini guyya Sabato jabeesi siini jed'a.


Musani waan gumiini Israelitini jed'e, Guyya kana ka isani lafa Misiri boola tissooma keesaa baatani, ka AABBO Waaqi harka ufitiini lafa suni keesaa isani baase qaabad'a; qit'a bukho qabu inyaatina.


Anini imbeekha, hayyichi Misiri akanati isani gadi illakisu, haga irreeni tolchaniti.


Lutuuni waan tahu wollaale ufumaa ejinaani AABBO Waaqi naheefi, isaafi niiti isaatiifi dubra isaa lamaani harka qabe fuud'e lafa Sodoma keesaa baase.


Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.


Yo taka tana ijoolleeni teesani isani gaafate, maanifi AABBO Waaqi keenna seera kana ch'ufa guuta nuni jed'e? jette.


Nu iluma teennaani waan mamatiifi waan nama sodaachisa ka inni worra Misiritiifi Faraofi worra isaa ch'ufati tolche, argine.


Amma wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka harkaafi adda teesani iraa mullatu, ammalle ha qaabacha jiddu teesani jirtu taatu, aka dubbini AABBO Waaqa garaa keesani keesaa imbaane; wonti akanatiifi AABBO Waaqi harka isaa jabaani lafa Misiri keesaa isani baase.


Eegi tana, yo ilmaani teesani, Wonti kunini maani? jette isani gaafate, waan jettaniini, AABBO Waaqi irre isaa guddooni lafa Misiri ta nu tisse keesati taane harka ufitiini keesaa nu baase jed'aani.


Wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka beesisa harkaafi adda teesani iraa mullatu; wonti akanatiifi AABBO Waaqi lafa Misiri keesaa harka isaa jabaani nu baase.


Kara kanaani worrileeni Waaqa d'ugeefate, waan inni tolche ch'ufa qaabate, seera isaa guuta.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite