Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 4:7 - KITAABA WAAQA

7 Gochiti tokoleeni ta, ato haga feetu jabdu taatele, waaqa aka AABBO Waaqa keenna jiru, ka hojja isiini gaargala qabdu worrati gadi d'iaate qarqaaru qabdu injirtu. Inni hojja nu qarqaarsa isa kad'annu ch'ufa, nu d'agaya.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 4:7
20 Referans Kwoze  

Inni nama d'ugaafi garaa tokooni isa yaamatuti d'iaata.


Nama ufi jibbaate AABBO Waaqi iti d'iaat'e, ka abdi womatu inqamnele baasa.


Ammo anini gama kiyyaani, yo Waaqati d'iaad'e, guddo ira naa jirti; nami anini iti baqad'u AABBO Waaqa gudda; waan atini tolchite anini biyyati odeesa.


Gochiti lafa gubbaa jirtu, ta aka gosa Israeli, ta atini tissooma jalaa baafte nama kanke tolfate injirtu. Wonti mama guddooni ta atini worraa tolchite yayu gurra kanke lafa ch'ufaani qit'eesite. Atini gosa d'ibifi waaqa worrale, ato worri atini lafa Misiriti baafte kanke tolfate d'ufu jiru, duraa gussite.


Waaqati d'iaad'a, innileeni isaniti d'iaata. Harka keesani diqad'a, worra daba! Garaa keesani diqad'a, kiyyibdoole!


AABBO Waaqa barbaada, hojja inni argamu, Waaqa yaamad'a, yo inni d'io jiru.


Waaqi irre teenna, fulla nu iti d'eennu, ka hojja nu gaargala qamnu ch'ufa nu qarqaaru.


Inni ya gosa ufiti jabeenna kenne aka akasiini gumiini isaa ch'ufti isa faarsitu — gumi Israeli ta inni guddo jaalatu. AABBO Waaqa faarsa!


Waan anini guddo isani maache, isani jaalad'e, guddinna isanii kennu fed'eefi, anini namaani lubbu teesani bita.


Nami lubbu qabu tokoleeni ka eegi Waaqa jireenna ka ibida keesaa dubbate d'agaye jiraate injira?


Woni anini arge worri Yakobo d'ipu inqabu, worri Israeli gaargala inargatu. AABBO Waaqi worraa worra woliini jira, worri hayyu keenna isaani jed'a.


Fiit'e gaara gubba anini worra arge; kubilele iraa worra doofad'e. Worri gosa koba godaantu, ta herega gosa d'ibi keesa injirre.


Wonti inni akasi tolcheefi, aka Waaqa barbaadani aka sila isa argani beekhani. Ammo inni nu tokole iraa fago injiru;


Waan dabre, ka gaafa isani ind'alatini, ka haga gaafa Waaqi nama lafati uume asi, lafa ch'ufa ke yaa, barbaada, laala. Wonti guddooni akana taka yayu taate? Nami tokoleeni taka waan akana kana yayu d'agaye?


Inni gosa d'ibi ch'ufa, ta inni uume ira isani guddisa, isanileeni isa faarsitani maqa isaa guddiftani. Ammalle, akuma inni kakhate, isani gumi qulqullo AABBO Waaqa keesani taatani.


Hojja nami d'ugaa qajeelani AABBO Waaqa yaamatu, inni jalaa owaate gaargala isaa ch'ufa keesaa baasa.


D'uguma baafami isaa nama isaa sodaatu iraa fago injiru, akasiini guddinni isaa lafa teenna keesaa imbahu.


Inni waan kana gosa d'ibii intolchine, wonti akanatiifi isiini seera isaa imbeetu, AABBO Waaqa faarsa!


Ee Israeli, isani gammachu akami qabdani! Gochiti aka teesani tokoleeni injirtu ta AABBO Waaqi baase. Wonteefi goraadeeni teesani, ta nyaapa isani ira d'owarte isani dabsachiiftu AABBO Waaqa. Nyaapi keesani, lubbu nu baasa jed'e isani kad'ata, ammo isani ira ejaanjaattani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite