Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 4:39 - KITAABA WAAQA

39 Tanaafi arra inded'ina qaabad'a AABBO Waaqi Waaqa gubbatiifi lafale, isa male kad'ibini injiru.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 4:39
24 Referans Kwoze  

Nu waan suni d'ageenne jennaani mudamne bisaani naqanne waan taanu wollaale maro teesanifi. AABBO Waaqi keesani Waaqa gubbafi lafale jiru.


Wonti AABBO Waaqi waan kana ch'ufa isani garsiisefi, aka, isa male, waaqi d'ibiini injirre, isani garsiisa.


Inni gubbafi lafafi baariinifi d'immu bisaani keesaleti waan fed'u tolche.


Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO, Waaqa ababoota teenna, atini gubbaa lafa ch'ufa imohatu? Atini irreefi jabeenna qabda, eenu dandae si dabsata?


Irreefi humnaafi, guddinnaafi mid'aagumafi jabeenni keetuma. Wonti gubbafi lafa keesa jiraleeni ch'ufti keetuma, atini hayyu hayyu ch'ufa mohatu.


Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


Worri waan anini hameenna worra suni diqole qaabad'u insehu; ammo ch'ubbuuni worraa worra marsite hojja ch'ufa nati mullatti.


Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.


Worri waan worra dabsatanifi inhubatu, ammalle waan tahe inargu.


Hojja jila tolfatani, isani, kiraariifi dibbeefi fulludo d'ooftani — daad'ile d'uddani. Ammo isani waan AABBO Waaqi tolchu womatu indaartani,


Waaqi keenna gubba jira; inni waan fed'u tolcha.


Looni abba ufii imbeekhani, harreleeni gombo abba ufii imbeeti. Ammo gumiini tiyya ta Israeli na imbeetu worri woma tokole inhubatu.


Tanaafi amma waan sagale waan harkaani boch'ani baasani: nu imbeenna aka wonti harkaani boch'ani suni fakeenna waan injirre; ammalle nu imbeenna aka Waaqi toko ch'allaani jiru.


nu Waaqa toko ch'alla beena; inni Abba, ka waan ch'ufa uume, nu isaafi jiraanna; ammalle Aabbo toko ch'allati jira, Yeso Kristo, ka wonti ch'ufti isaani uumamte, nuleeni isaani jirru.


Inni waan jed'eeni, Ha bori taatu, Musani waan jed'eeni, Aki atini jette ha tahu. Akanaani aka Waaqi d'ibiini, ka aka AABBO Waaqa keenna jiru, injirre beeta.


Ee Israeli, d'agaya! AABBO Waaqa keenna male waaqi d'ibiini injiru.


Beekha, AABBO Waaqa keesani ch'allati Waaqa, ka dubbi ufi guutu. Inni wold'aqisa ufi guute, jaalala ufile d'aloota kunki ka nama isaa jaalate seera isaa guutu agarsiisa;


AABBO Waaqa ch'allati gumi ufiitini deeme, ka qarqaarsa waaqa d'ibi inqamne.


Insodaatina, imudamina, gumi tiyya. Isani haga duritifi haga arrale aka anini waan taha hime imbeetani? Isanileeni amma d'uga tiyya. Na male Waaqi d'ibiini injira? Waaqi irre qabu d'ibiini, ka anini imbeenne, injira?


Nami tokoleeni ka aka AABBO Waaqa qulqullo injiru; isa male tokoleeni ka nama jabeese qorqoratu injiru.


Atini akami gudda, ee AABBO Waaqa! Nami tokoleeni ka aka keeti injiru; nu yo ch'ufa imbeenna, aka atini ch'allaani Waaqa.


AABBO, nami tokoleeni ka aka keeti injiru; nu yo ch'ufa imbeenna, aka atini ch'allaani Waaqa.


Aka AABBOONI Waaqa qaabad'a, isaati nu uume, nu nama isaati; nu gumi isaati, hooliye inni tisse nyaachisu.


Gumi Israeli, isani d'uga tiyya; anini isani fohad'e, aka na male waaqi d'ibiini injirre hubattani. Na male waaqi d'ibiini injiru; durile injiru, takaa tanale injiru.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite