Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 4:19 - KITAABA WAAQA

19 Ufi eegad'a aka ilaalacha keesa seentani waan gubbati gartani adu jia, yokhaani Urjiifa guddiftani kad'atani inhojanneefi. AABBO Waaqi keesani yayu waan kana biyya taani d'ibii kenne, aka worri kad'atu.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 4:19
30 Referans Kwoze  

D'uga Waaqaa lakisani waan d'ara tolchani, Waaqa ka waan ch'ufa uume lakisani, waan inni uume kad'atani ulfeesani. Inni haga hegeri ha guddifamu! Amini.


Fulla waaqa d'ara iti kad'atani ta gaara ira, ta qara abbaani isaa Hezekiani ch'ach'abse, jaare ammalle fulla Baali iti kad'atani sorio baasanifi mid'aase, fakeenna waaqa Ashera jed'anile boch'e, akuma hayyuuni Israeli ka Ahabu jed'ani kaani tolche. Ammalle inni urjile ch'ufa gajed'e kad'ate.


Worri seera AABBO Waaqa isaani ch'ufa ch'abse, sibiila tume akheekha koromi lama mid'aafate; ammalle akheekha waaqa Ashera jed'ani mid'aafatani, urji kad'atani, waaqa Baali jed'ani hojatani.


Akanaani uumami lafafi gubba ch'ufumanu qit'ae.


Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.


Duuba akasiini Waaqi worra yaala bahe, aka worri urji gubbaa kad'atu iti lakise, akuma kitaaba raagoota keesati t'aafani, Gosa Israeli, isani ganna afurtama lafa aloo keesati sorio naa inqalle.


aka isani ilmaani Abba keesani ka gubba jiru taatani. Inni adu nama hamamafi dadansale baase, bokayale nama d'ugatiifi nama d'arale rooba.


Fulla sila wolti guurani awaalani, lafeeni sunini akuma huura ufimaa lafa ch'iifti, aduufi jiaafi urji worri kunini jaalate hojate gula yae kad'atu durati afani.


Anini ammalle nama mana ufii kore adufi jiafi urji kad'atu imballeesa. Ammalle nama na durati maqa kiyyaani gajed'e kakhate ammo eegi suni garagale maqa waaqa Milkomu jed'aniini kakhatule balleesa.


Jennaani inni ch'icha Mana Waaqa na geese; anini d'aatu balbala Mana Waaqaa, waan sorio irati baasanifi kara jiddu keesa, nama d'iira diddami shani arge. Worri Mana Waaqa dudda iti gale ilaboruti fuula deefate, gajejed'e, biiftu baatu kad'ate.


Ammo anini, AABBO Waaqi, yayu halkanifi guyyale wold'aqisa woliini tolfad'e seera lafafi gubbaani gula deemtule tolche.


AABBO Waaqi adu ifsa guyya tolche, halkani jiaafi urji ifsaa tolcha. Inni baariini chochoose roraasa; maqaani isaa AABBO Waaqa gudda.


Maneeni Yerusalemutifi ta hayyoota Yudatifi yokhaani maneeni gubba isiiti urjii hit'aana aarsanifi daad'iini waaqa d'ibii buusanileeni ch'ufti akuma Tofethi t'uroofti.


Ammalle fardoole hayyooti Yuda huji kad'acha aduti jette baafte achi balleese, gaari huji suni baasanile ch'ufa gube. (Wonti kuni Manuma Waaqa d'aatu fulla fullo ta d'aatu mana Nathan-Meleki jaallabi guddaani iti galu, jirti.)


waan garaani lafa ira loatifi qurt'umi, mid'aafatani ch'ubbu intolchine.


Ammo raagafi nama waan oobju himu ka akasi suni ijeesa; wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti taatani keesaa isani baase, iraa gora jed'e isani barsiisa. Nami akasi suni hama, kara AABBO Waaqi keesani keesati bulla isaniini jed'e iraa isani gorsu fed'a. Tanaafi isaa ijeesuu maltani, aka waan hamtu akasi ufi keesaa baaftani.


D'akhaani d'ai, ijeesi! Wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa kanke, ka lafa Misiri, fulla isani tisse iti taatani, keesaa isaani baase, iraa si gorsu fed'a.


nami sunini waaqoota Israeli ka harkaani boch'ani inkad'atu, yokhaani sorio gaara gubbati qalani inyaatu. Nad'eeni nama d'ibile infaarau, yokhaani nad'eeni aada uwa qabdule bira irafu.


Jennaani Waaqi waan jed'e, Ifsaani ha gubbaa mullattu, aka halkanifi guyya gargari beekhani.


Fulla waaqa d'ara iti kad'atani, ta gaara gubba, ta qara abbaani isaa Hezekiani ch'ach'abse, jaare, ammalle fulla Baali iti kad'atani sorio baasanifi mid'aase, fakeenna waaqa Ashera jed'anile boch'e, urjile ch'ufa gajed'e kad'ate.


Worri afaani inqabu, yokhaani woma indubbatu, qonqo isaanile ind'agayani;


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite