Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 4:10 - KITAABA WAAQA

10 waan guyya isani AABBO Waaqa keesani gaara Sinaiti dura ejitani iti hima. Inni gaafasi waan naani jed'e, Biyya wolti baasi, anini worra waan anini jed'uuni d'agayu fed'a, aka worri waan anini jed'uuni kana barate, jabeese, ilmaani worrale aka isiini na sodaatu barsiisu.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 4:10
25 Referans Kwoze  

Ammalle AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Anini baldo dumansaa keesa siti d'ufa, aka biyyiti aka anini siini dubbad'u d'ageete haga jiru jireennale si d'ugeefattu. Musani dubbi worra suni AABBO Waaqaati hime


Inni ha kitaaba suni ufi bira kaye haga jiru ch'ufa soomuti, aka akasiini inni aka AABBO Waaqa sodaatu barate, waan keesati t'aafani ch'ufa garaa tokooni guutu.


Gaara Sinai irati AABBO Waaqi kenna wold'aqisa,


Jennaani Musani waan biyyaani jed'e, Insodaatina; wonti akanatiifi Waaqi isani laalu d'ufe, aka isani isa sodaatani ch'ubbu intolchine.


Duuba nami ch'ufti mandisufi angaasufi qonqo magalatatiifi aara gaara keesaa kau arginaani sodaate hollate, gaara ira fago ejaanjani


Diirama guyya sadeeso baldooni dumansaa gaara ira mullatte, angaasu argani, mandisule d'agayani, ammalle magalata lalabani d'aani. Nami olla suni keesa jiru ch'ufti nahe hollate.


Eegi waan kana ch'ufa jecha toko ch'allati hafa: Waaqa sodaad'i, seera isaa gula deemi; wonti akanatiifi wonti nama iraa fed'ani tana.


Jennaani fulla barch'uma guddinnati qonqooni gadi baate waan jette, Waaqa keenna faarsa, hojattuuni isaa ch'ufti, nami ch'ufti diqaafi guddaleeni, nami isa sodaatu ch'ufti!


Eegad'a duuba, nama dubbatu ch'aqasu indidiina. Yo worri gaafa inni lafa keesati dubbate ch'aqasu dide imbaafamini, nuleeni dandeenne imbaafamnu, yo ka gubba nuti dubbatu ch'aqasu dinne.


inni worra isa sodaatu inaha, d'aloota ch'ufa keesa.


AABBO Waaqaa saalfad'a, garaa tokochani isa hojad'a, illakisina, waan jabdu inni isanii tolchele qaabad'a.


Duuba fulla AABBO Waaqi keesani fohate isa iti kad'attani d'aqa, achiti isa duraa mid'aani, daad'i, d'ad'a, waan horiini goroomuma d'ale, ka loonitifi ka reele, kud'ani keesa toko nyaad'a. Waan kana tolcha, aka hojja ch'ufa AABBO Waaqa keesani sodaatani.


Ato sila worri yo ch'ufa akana arge! Ato sila worri naa saalfate, seera kiyya ch'ufa jabeese guute, wonti ch'ufti worraafi ilmaani isaanile haga jiru jireenna nagaya taati.


Guyya qara ka jia sadeeso, eegi worri Israeli lafa Misiri keesaa bahe, worri lafa aloo ta Sinai qubate.


Kurfefad'a, eega! Aka dansaa mid'aafad'a, aka waan ilaani gartani kana haga jirtani indeene. Ilmaani teesaniifi ilmaani ilmaani teesanile,


Ilmaani teesanile barsiisa worra keesa taanaani ala taanaani, hojja raftanifi hojja kaatanile taanaani, qaabsisa.


Tunini aadaafi seera, ta isani haga lafa AABBO Waaqi ababoota teesaniini isanii kennu keesa teetani, guutu maltani. Seera kana ch'aqasa!


Anini isa yayu fohad'e, aka inni ilmaani isaatiifi ababoota isaa gorse, aka worri na ch'aqase waan dansaafi ka qajeela tolchu. Yo worri waan kana tolche, anileeni waan Abrahamuu Intolcha jed'e ch'ufa intolchaafi.


Duuba iftani kurfo taha; wonti akanatiifi guyya suni, ka nami ch'ufti argu, anini gaara Sinai gubbaa d'ufa.


Haga jirtani isanifi ilmaani teesanifi d'alooti keesanileeni ch'ufti. AABBO Waaqa keesani guddiftani aadaafi, seera isaa, ka anini isanii kennu kana, guutuu maltani, aka lubbuuni teesani lafa suni irati d'eerattu.


Ilmaani teesani aka dansaa dubbi tana barsiisa. Worra keesa taanaani, ala taanaani, yo raftanifi yo kaatanile qaabsisa.


Waan atini tolchite ch'ufa d'aloota kanafi d'aloota d'ibile ch'ufa keesati faarsani; huji tante jabdu inodeesani.


Nama lubbu qabuti dandae si faarsa, akuma anini amma tae si faarsu kana. Abbootini d'uga tante ilmaani ufii barsiifti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite