1 Tunini eeba Musani, nami Waaqa, ato induiinu, gumi Israeliti eebise.
Guyya toko jari toko, ka gosa Yuda, Gilgaliti Yoshuati d'ufe. Worri sunini nami toko, ka Kalebu ilma Yefune jed'ani, ka gosa Kenizi waan isaani jed'e, Atini waan AABBO Waaqi Kadesh-Barneati, namicha Waaqa ka Musa jed'ani kaani waan kiyyafi kanke jed'eeni imbeeta.
Wonti akanatiifi dubbini fagiisaa tokoleeni taka fed'i nama keesaa imbaane, ammo Lubbu Qulqulloti nama dubbachiise, ato nami dubbi fulla Waaqati d'ufte dubbatu.
aka nami Waaqa ch'ufti qit'ae kurfo tae, huji dansa ch'ufa hojatu.
Ammo atini, nami Waaqa, waan kana ch'ufa lagad'u. Waan d'ugaafi ta Waaqi fed'ufi d'ugefachaafi jaalalafi obsafi laana deemiti barbaadi.
Waan kana anini ya isaniti hime, aka na keesa nagaya argattani. Lafa keesa d'ipu argattani, ammo garaa jabaad'a! Anini ya lafa dabsad'e.
Nagayaani taa, nagayaa kiyya isanii kenna, aki anini isanii kennu aka nami lafa woli kennuniti, garaa keesani keesa gaargaltani insodaatiina.
Ee AABBO Waaqa, atini haguma duriti, fulla nu iti gallu nu taate.
Duuba hayyichi waan raaga sunini jed'e, AABBO Waaqa kanke yaamad'u, aka inni harka kiyya na fayyisu na kad'ad'u! Duuba raagi AABBO Waaqa kad'ateefi, inni harka hayyu fayyise.
Dubbi AABBO Waaqa gula raagi toko Yudaa bahe, Betheli d'aqe, ka Yeroboamuni fulla sorio iti qalaniti sorio baasu jiru baheeni.
Raagi toko Eliti d'ufe waan jed'eeni, AABBO Waaqi waan siini jed'u: Gaafa ababooni kanke Harunifi worri isaa lafa Misiri keesati tisse Farao tahani anini worrati imulane?
Jennaani niitiini d'iirsa d'at'e waan jetteeni, Nami Waaqa toko, ka fuuli isaa aka malaika jiru, nati d'ufe na sodaachise. Anini, Eesa baate? Jed'e isa ingaafanne, innileeni maqa isaa nati inhimne.
Worri kunini gosa kud'ani lama ta Israeli; ammalle wonti abbaani worrani jed'e gaafa Nagayaati jed'e eebiseefi suni.
Jennaani Yakobooni ilmaani isaa ch'ufa wolti yaame waan jed'eeni, Me, wolti gadi hiiqa, waan hegeri taha isaniti hima:
Sagale miooftu anini fed'u d'aabi naa kootiini, aka anini nyaad'e, ato induiinu si eebisu.
Ammo namicha Waaqa ka Musa jed'ani kaani ilmaani isaa gosuma Lawi taaniti heregani.)
Mana Waaqatini d'ufe, fulla jari raaga Hanani, ka ilma Igdalia, jiru geese. Fullaani sunini fulla Maaseyaani, ilmi Shaluma, ka Mana Waaqa keesa huji jabdu qabu, iti galu d'aatu jirti, ammalle isiini d'aatu fulla hojattuuni d'ibiini iti galtu.
Seera abbaani isaa Daudini kaye gula, inni qaaloleefi worra Lawi, ka qaalole sirbaafi huji keesa qarqaaru, huji worra ta guyya ch'ufa iti qoode. Inni ammalle worra Mana Waaqa eegu huji gargari qoodeefi, huji guyya ch'ufa ta balbala eegani iti kenne, seera Daudi namicha Waaqa kaani gula.