Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 32:4 - KITAABA WAAQA

4 AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 32:4
66 Referans Kwoze  

Wonti kunini aka AABBO Waaqi, Waaqa d'ugaa garsiifti; inni siida kiyya, ka wollaala womatu inqamne.


Guyya ch'ufa AABBO Waaqa d'aabad'a, isati hojja ch'ufa nu qorqorata.


AABBO Waaqi d'akha kiyya, siida jaba ka anini jalati d'okhad'u. Waaqi kiyya siida kiyya, ka anini jalati d'eed'u. Inni wonte tiyya, na qorqorate na baasa.


Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.


AABBO Waaqi waan dansa, jaalalti isaa ind'umatu d'ugaani isaaleeni haguma jiru jireenna jirti.


Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.


Isani qit'e tahu maltani, akuma abbaani keesani ka gubba qit'e.


bisaani mama sunuma d'uge; wonti akanatiifi d'akha mama ka worra gula deeme keesaa bisaani d'ugani; d'akhaani suni Kristo.


Atini nama ch'ubbu inqamne dandeete ka ch'ubbu qabu woliini inhobaaftu. Suni sii imfakaattu. Yo atini akasi tolchite, ka ch'ubbu qabuufi ka ch'ubbu inqamneleeni woliini hobaa. Wonti kunini diqole intaatu. Jaallabi lafa tana ch'ufaa waan d'uga intolchu?


Nami kooru fed'u ch'ufti ha waan na beekhe na hubatufi kooruti; anini d'ugaafi qaajeeluma tolcha. Woni na gammachiisa kana. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Yo d'arti nu tolchine d'uga Waaqa agarsiifte ho? Maani jenna? Waaqi, hojja nu gaargalchu, inni nu inqajelchine jenna? (Aka namaa dubbachu jira.)


Nu imbeenna, aka yo Waaqi worra waan akana kana tolchu wollaala iti muru inni d'ugaa qabu.


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.


Ee AABBO Waaqa, atini Waaqa kiyya; anini si guddise maqa kanke faarsa. Atini yayu waan mama tolchite, waan duri malatte ch'ufa aka dansaa guute.


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu: Anini d'akha gati guddo qabu fohad'e, aka fiit'e mana tahu Sioni keesa kaya: Nama isa d'ugefatu tokole inch'eersani.


Abbaaleeni nama tokole inqoru, ammo waan qorsuma ch'ufa yayu Ilmati kenne,


Ammo atini akami dandeete worra ch'ubbicha nama sosobu kana obsita? Ilti tante guddo qulqullo, dandeete hameenna ilaaltu, ammalle dandeete waan hamtu ilaaltu. Duuba atini maafi ch'allifta, ka ch'ubbichi tae nama isa ira d'uga gula deemu balleesu?


Ammo wonti AABBO Waaqi guddaani isaniini jed'u tana: Anini Sioni keesa yayaba d'akha jaba inchochone kaya. Yayaba suni ira anini d'akha jaba dubbi tana irati t'aafani kaya: D'ugefachaani jabduuni obsa qabdi.


Dumansaafi dukanti isa marsiti; inni d'ugaafi qajeelumani lafa fida.


Me, isani worri hubacha, qabu na ch'aqasa! Waaqi guddaani dandae ch'ubbu tolcha?


Isani Waaqa keesani ka isani uume wollaaltani Waaqa isani d'ale ch'aqasu diddani.


Gumiini Waaqa horte gabbatte, ammo AABBO Waaqa didde; worri lafa ira dabre ch'ufti gabbate, moora baase. Duuba Waaqa worra uume wollaalani. D'akha worra baase didani.


Waaqa ch'allati seera baase qora. isa ch'allati dandae nama baase balleesa. Ati maani ufi seeta, ka nama d'ibi qortu?


Ammo garaani kanke jaba hama. Tanaafi atini qorsuma tante, ta gaafa dalansufi qorsumaani Waaqa ta d'ugaa mullattule, iti darachu jirta.


Worri aka Waaqi nami waan kana gula yau duaa male jed'u imbeekha. Ammo taatule waan kana tolchu illakisani, ammalle nama waan kana tolchule wolti quufani.


Waaqi Seera ufii Musani namaa kenne, ammo eebafi d'ugaani kara Yeso Kristotiini d'ufte.


Ammo AABBO Waaqa, atini Waaqa d'ugaa, atini Waaqa jirufi hayyu haga jiru jireenna jiru. Hojja atini dallantu, lafti inchochooti, gochitileeni dallansu tante dandeete inoobsitu,


Worri suni ch'ufti dao qilleensa nama ira d'owartufi fulla bubbe iti d'okhatani fakaata. Worri bisaani lafa gamooji keesa yaatifi gaadisa rabsu d'akhaa, ka lafa d'eebicha keesa tau, fakaata.


Ammo taatule, AABBO Waaqi guddo isani nahu fed'a, waan inni guyya ch'ufa waan d'uga tolchufi inni kurfo jira aka naasu ufi isani garsiisu. Ayyaana isaani, ka obse hojja ch'ufa AABBO Waaqa eegatu.


Anini imbeekha, wonti Waaqi tolchu ch'ufti ind'umattu, waan tokole iti indarani, womale keesaa imfuud'ani. Wonti Waaqi waan kana tolcheefi aka nami ch'ufti isa sodaatu.


ka lafafi gubbafi baariinifi waan keesa jira ch'ufa uume heregatu. Inni hojja ch'ufa kakhu ufi guute;


Atini waan nati kakhate ch'ufa inguuta; ee AABBO Waaqa, jaalalti tante haga jirtu ind'umatu. Huji atini iti keeyate illakisiini, hobaasi.


Ee Hayyu gudda, atini waan d'uga jaalate, Israeli keesa d'uga suni jabeesita; atini d'ugaafi qajeeluma lafaani d'ufte.


Inni kakhu gumi Israeliti kakhate, jaalala isaa ta ind'umanneeni jabeese guute. Nami lafa keesa jiru ch'ufti yayu aka Waaqi keenna woi dabsate arge.


Anini lubbu tiyya harka keeti kennad'a; ee AABBO Waaqa, na baasi, atini Waaqa anini d'ugeefad'u.


Seeri AABBO Waaqaa qit'e, irre namati tolcha. Dubbini AABBO Waaqaa yo d'ugeefatani nama woi imbeennele inqaaroomsiti.


AABBOONI Waaqa jiru! Siida kiyya ha faarsani! Waaqa na baasu guddinna isaa odeesa.


AABBO Waaqi yayu d'uga gula dubbi qore akasiini ufi mullise. Ch'ubbichileeni ya hujuma ufiitini t'urura keesa ufi buuse.


Ayubu, atini anini Waaqa dandae inargu jette; obsi, waan inni sii tolchu eegi.


Waaqi Israeli dubbate, siidani Israeli waan nani jed'e: Hayyuuni d'ugani lafa fidde seera Waaqa gula deemu,


AABBOONI Waaqa jiru! Siida kiyya ha faarsani! Waaqa jaba ka na baasu guddinna isaa odeesa.


Nami tokoleeni ka aka AABBO Waaqa qulqullo injiru; isa male tokoleeni ka nama jabeese qorqoratu injiru.


Inni haad'a hiyyeesatifi hiyyeeyile qorqorate dubbataafi: Inni keessuma teennale jaalate beelafi daara baasa.


Beekha, AABBO Waaqa keesani ch'allati Waaqa, ka dubbi ufi guutu. Inni wold'aqisa ufi guute, jaalala ufile d'aloota kunki ka nama isaa jaalate seera isaa guutu agarsiisa;


Duuba AABBO Waaqi isa dura dabre lalabe waan jed'e, Anini AABBO Waaqa Waaqa eebaafi naasu guddo qabu, ka hure indallanne, ammalle ka d'ugaafi jaalala qabu.


Waaqi wonti inni mid'aase ch'ufti guddo dansa arge. Galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya jaeeso.


AABBO Waaqa sodaad'a, yo wo tolchi taanile ufi qorqorad'a; wonti akanatiifi AABBO Waaqi keenna nama d'uga gula indeemne, ka nama gargari file yokhaani gumbo nyaatu inoobsu.


Waaqi guddaani d'uga imballeesa? Yokhaani qajeeluma iyyaka?


Eenuti, Akana tahi isani jed'a? Yokhaani eenuti ya woyakite jed'aani?


Worri aka Waaqi worra qorqorate, Waaqi guddaani worra qarqaare qaabate.


Nu hojattu tante, huji tante jabdu garsiisi; d'alooti keennaleeni ha guddinna kanke jaba argu.


Worra Israeli, isani ya Waaqa isani baase aka d'akha jabaate isani qorqorate deetani, fulla oobru woyyuma fach'aaftani waaqa gosa d'ibi kad'atani.


AABBO Waaqa, atini Waaqa jiru, haguma duriti atini Waaqa kiyya, qulqullo, ka jiru jireenna. Ee AABBO, Waaqa kiyyafi jabeenna kiyya, atini gosa Kaldayo fohatte jabeesite, aka worri nu gaargalchu.


Ammo AABBO Waaqi ammalle dira suni keesa jira; waan d'uga male inni waan hamtu intolchu. Diirama ch'ufa ka inoolle dubbi gumi ufii d'ugaani qora; ammo nami d'uga inqamne ka dira suni, guyya ch'ufa ch'eera d'abe waan hamtu tolcha.


Atini aka inni si sodaatu agarte wold'aqisa isa woliini tolfate. Atini isati kakhate, lafa Kanaanitiifi ta Hititifi ta Amoritifi ta Perizitiifi ta Yebusitifi ta Gergishile, siifi d'aloota keeti keenna jetteeni. Waan atini abba d'ugaatifi, kakhu tante guute.


Dubbini AABBO Waaqaa ch'ufti ta d'ugaati, wonti inni hojatu ch'ufti waan nami heregatu.


AABBO Waaqi waan tolchu ch'ufa d'ugaani tolcha; waan tahu ch'ufa keesa naasu qaba.


Ganni torbaani kaani hobaanaani, anini, hayyu Nebukadrezani waaqa ollale, jennaani qalbini nati deebite. Jennaani anini Waaqa gudda faarse, isa ka haga jiru jireenna jiru guddise. Inni haga jiru jireenna mohata, finni isaleeni bara ch'ufa jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite