Qaabacha Seera 32:21 - KITAABA WAAQA21 Worri kunini ya waan waaqa intahini kad'ate obsa na d'owe, waan boch'ani kad'ataniini na dallansiise, tanaafi anini gosa gosa intahini fuud'e, akasiini isani obsa d'owe, gosa daalle fuud'e isani dallansiisa. Gade chapit la |
Worri aada isaa gula yau dide, wold'aqisa inni ababoota worra woliini tolfate guutu dide, gorsa isale ch'aqasu dide. Worri waan woma imbaane, ka harkaani boch'ani, kad'ate ufile woma bahu dad'abe. Ammalle worri aada gosa d'aatu worra jirtu gula yae, dubbi AABBO Waaqi worra seere, aada suni gula iyyaaiina jed'eeni ch'abse.
Inni waan aka harkaa jira d'eerefate rifeensa mata na qabe. Jennaani daayya tana keesa lubbuuni AABBO Waaqa oli na fuute, Yerusalemu na geesite, naabo Mana Waaqa garaa keesa fulla fullooni mirga fuula deefatutini na d'ufte. Fulla fullo suni waan harkaani boch'ani kad'atani, ka AABBO Waaqi aka male jibbuti jira.