12 AABBO Waaqa ch'allati gumi ufiitini deeme, ka qarqaarsa waaqa d'ibi inqamne.
Anini Waaqa keesani, ka haga isani jaartani arri baaftaniti isani qorqoratu. Anumati isani uume, ammalle isani qorqorate isani qarqaare isani baasa.
Inni gumi ufi lafa aloo ta gamooji keesa godaansise; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.
Inni guyya baaldo dumansa worra dura d'aabe, halkani ch'ufa goola ibidaa worra dura kaye.
Isani aka inni aka abbaani ilma baatu isani baate nagayumani armaani isaani baase ya argitani.
Ee AABBO Waaqa, fed'i tante na barsiisi, kara qajeela gula na qajeelchi, wonti akanatiifi nyaapi kiyya heddu.
Atini guyya baaldo duumansa fakaate worra dura deemte, ammalle halkani goola ibidatini kara worraa ifsite.
Me amma ilaala, Waaqi d'uga ana, ka d'ibiini injiru. Anini ijeese jireesa, madeese fayyisa, nami tokoleeni na indabsatu.
Ee tissitu Israeli, nu d'agayi; ee atini ka gumi tante tissitu, nu ch'aqasi. Atini ka waan lubbu qaba ka koola gubbaa barch'uma kanke ira teetu,
Wonti AABBO Waaqi waan kana ch'ufa isani garsiisefi, aka, isa male, waaqi d'ibiini injirre, isani garsiisa.
Tanaafi arra inded'ina qaabad'a AABBO Waaqi Waaqa gubbatiifi lafale, isa male kad'ibini injiru.
Isani Waaqa d'ibi ka gochiti d'ibiini kad'atu, diqole kad'achu himmalle.
Akuma looni bale marra qabduti bobaasani, akasuma AABBO Waaqi gumi ufi boqochiisa. Inni gumi isaatini deeme, akasiini gurra dansa argate.
AABBO Waaqi keenna nuufi ababoota teenna tissooma lafa Misiri keesaa nu baase, nuleeni waan mama ka inni tolche ila teennaani argine. Ammalle gaafa nu lafa gosa heddu tana keesa godaanele inni godanna keesa aka heddu nu qorqorate.
Lafti worraa nyaapa inqabdu, yokhaani nami, worra Waaqa iraa gorsu, injiru.
Anini worra jaalalaani deemeeni, hampaare qomati mat'anfad'e, worrati gadi jed'e gololche.