Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 3:2 - KITAABA WAAQA

2 Ammo AABBO Waaqi waan naani jed'e, Isa insodaatini anini isaafi nama isaa ka lolaatifi lafa isaa ch'ufa sii kenna. Akuma Sioni, hayyu Amori, ka lafa Heshboni mohate kaani tolchite, isaale tolchi.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 3:2
15 Referans Kwoze  

Gaargala d'ufu insodaatiini! Ch'aqasi, Sheet'ani isani gari mana hid'aansa keesa buuse isani ilaalata; haga bulti kud'ani d'ipatani gaargaltani. Haga dootuuti nama d'ugefatani tahi, duuba anini eebafi jireenna sii kenna.


Isani worra inhad'ina, ammo kurfo eegad'a, aka Waaqi isani dabsachiisu inagartani. Isani worra Yudatifi ka Yerusalemu, sodaatani imudamina. Kaa, nyaapa fuula keesa yaa, AABBO Waaqi isani woliini jira.


waan naani jette, Paulo, insodaatini, atini Kaisari dura ejachu malte; ammalle ilaali, Waaqi nama si woliini yau kana ch'ufa ya sii kenne.


Jennaani Aabbooni halkani toko daayyaani Pauloni dubbate waan jed'e, Insodaatini, dubbad'u, inch'aliisiini.


Insodaatina, anini isani woliini jira! Lafa fagoo ta ilaborutiifi ta ila adu keesaa gumi tante galcha.


Tanaafi insodaatina, anini isani woliini jira! Anini Waaqa keesani wonti tokoleeni isani imudansisini! Anini isani jabeese isani qarqaare, irre isanii tahe harka kiyyaani isani baasa.


Worra Israeli ch'aqasa! Arra isani nyaapa keesanini woli haatani, garaa ilaafiina, worra sodaatani imudamiina.


(Gosa Refai keesa nami hafe hayyu Ogu. Sire isaa ta sibiilani mid'aasani, d'eerinni d'und'uma sagali, balinni d'und'uma afuri aka biima gaafasi gula. Sire suni haga arrale lafa gosa Amoni dira Raba keesaati dandaani argani.)


Ammo AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Isa insodaatini, anini isaafi worra isaatiifi lafa isaale harka keesaniti kenna. Waan atini Sioni, hayyu Amori, ka Heshboni tau, tolchite isale tolchi.


AABBO Waaqa diddani iraa ingorina, worra lafa suni insodaatina, worri womaa keesa nu injiru, hure dabsanna. AABBO Waaqi nu woliini jira, Waaqa worra, ka worra qorqoratu, yayu dabsate irre d'owe, tanaafi insodaatina.


Duuba eege nu gaara lafa Bashani mirgaa godaanne jennaani, hayyu Oguni nama isaa ka lola fud'ate, fulla dira Edrei nu had'u d'ufe.


Akanaani AABBO Waaqi hayyu Ogufi worra isaale ch'ufa harka keennati kenne nu worra hobaamne.


AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, Worra diqole insodaatiina. Anini worra yayu harka keetiti kenne worri tokoleeni ka si dura eju injiru.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite