1 Yo isani AABBO Waaqa keesani saalfattani seera isaa ka anini arra isanii kennu kana garaa tokooni jabeesitani, inni gosa d'ibi lafa keesa jirtu ch'ufa ira isani guddisa.
waan worraani jed'e, Nami daima kana maqa kiyyaani jabeesu ya nale jabeese; nami naa jabeesu ch'ufti ka na erge jabeesa. Wonti akanatiifi nama isani keesa ch'ufa ira diqaati isani ch'ufa ira gudda.
Inni gosa d'ibi ch'ufa, ta inni uume ira isani guddisa, isanileeni isa faarsitani maqa isaa guddiftani. Ammalle, akuma inni kakhate, isani gumi qulqullo AABBO Waaqa keesani taatani.
AABBO Waaqi gosa ch'ufa keesa eege isani intolchu ammo mata isani tolcha. Isani guyya tokole oldeemtani male gadi indeemtani, yo isani seera anini arra isani kennu kana jabeesitani guuttani,