Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 26:19 - KITAABA WAAQA

19 Inni gosa d'ibi ch'ufa, ta inni uume ira isani guddisa, isanileeni isa faarsitani maqa isaa guddiftani. Ammalle, akuma inni kakhate, isani gumi qulqullo AABBO Waaqa keesani taatani.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 26:19
21 Referans Kwoze  

Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.


Yo isani AABBO Waaqa keesani saalfattani seera isaa ka anini arra isanii kennu kana garaa tokooni jabeesitani, inni gosa d'ibi lafa keesa jirtu ch'ufa ira isani guddisa.


Wonti isani akasi tahu maltanifi waan isani worra qulqullo AABBO Waaqa keesaniitifi. Gosa lafa ch'ufa keesa jirtu keesaa AABBO Waaqi isani fohate, gumi ufi isani tolfate.


Gumi Waaqi baase isaniini jed'ani. Sileeni, Yerusalemu, dira Waaqi jaalatu, ka inni illakimne jed'ani.


Isani gumi qaaloleetifi gosa qulqullo naa taatani.


Aka d'akha jiru koota, aka mana lubbutiini isani jaarani, aka qaalole qulqullo taatani, sorio dansa ta Waaqi fed'u Aabbo Yeso Kristo keesa baaftani.


Hojja guyyaani sunini d'ufu, anini nama isani dabsu gaargalche, naafa ch'ufa baase worra ka boojianile galcha. Anini ch'eera worraa garagalche guddinna tolcha, duuba nami ch'ufti worra faarsa.


Diri kunini gammadafi ulfinnaafi gurraani naa d'ufa; ammalle gochiti ch'ufti sodaate mudamti, hojja waan dansa anini worra Yerusalemuti tolcheefi hormaata anini dira sunitini d'ufu d'ageetu.


Akuma hid'aani nama qabdu, akasuma anini worra Israelitiifi ka Yuda ka jabeese na qabu fed'a. Wonti anini akasi tolcheefi, aka worri gumi tiyya tahe gurra dansaafi ulfinna natiini d'ufu; ammo worri na inch'aqamne.


Inni ya gosa ufiti jabeenna kenne aka akasiini gumiini isaa ch'ufti isa faarsitu — gumi Israeli ta inni guddo jaalatu. AABBO Waaqa faarsa!


AABBO Waaqi gosa ch'ufa keesa eege isani intolchu ammo mata isani tolcha. Isani guyya tokole oldeemtani male gadi indeemtani, yo isani seera anini arra isani kennu kana jabeesitani guuttani,


Yo isani AABBO Waaqa keesani saalfattani seera isaa guuttani, akuma inni kakhate inni gumi isaa qulqullo isani tolcha.


Jennaani Musafi jaaroleeni Israeli waan biyyaani jette, Dubbi nu arra isaniti himnu tana ch'ufa ch'aqasa.


Ee Israeli, atini gaafasi tiyyuma worra qulqullo anini qara d'ale. Anini gaargalafi badi nami siti game ch'ufatini d'ufa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Hojja guyyaani sunini d'ufu, anini nama keesani ka boojiani galche, lafa ch'ufa keesa maqa dansa isanii kenne, ammalle hormaata isanii deebisa. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa.


Amma waan kanafi hojja isani qonqo tiyya d'ageetani wold'aqisa kiyya guuttani, isani nama kiyya ka nati aanu taatani, nama lafa tana keesa jiru ch'ufa ira, ato lafti ch'ufti tiyyale taate.


Ammalle isani, worra Yudatifi ka Israeli! Duri nyaapi woli abaare waan woliini jed'e, Akuma Yerusalemufi Yudaani gaargala argate, Waaqi isani gaargalchinna! Ammo eegi anini taka tana isani baasu, nyaapi kaani akana woli eebisa: Waaqi akuma Yudafi Israeli eebise isani eebisinna! Tanaafi jabaad'a, insodaatina!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite