16 Arra AABBO Waaqi keesani seerafi aada tana ch'ufa guuta isaaniini jed'a: tanaafi garaa keesani ch'ufaani jabeesa guuta.
Yo na jaalatani, seera kiyya inguutani.
Tunini aadaafi seera, ta isani haga lafa AABBO Waaqi ababoota teesaniini isanii kennu keesa teetani, guutu maltani. Seera kana ch'aqasa!
waan anini isani barsiise ch'ufa guuta worraani jed'a. Beekha, haga guyya muummele anini isani woliini jira.
Waan anini isaniini tolcha jed'e ch'ufa tolcha: Waan tokole iti indarina, yokhaani inhanqisiina.
Seera anini, ara isanii kenne kana ch'ufa guuta. Yo akasi taatani, dandeetani galaana taakitani lafa, amma iti qubachu geetani tana fud'atani.
AABBO Waaqa keesani jaalad'a, guyya ch'ufa dubbifi gorsaafi aadaafi seera isaa guuta.
Aka AABBO Waaqi keesani ganna afurtama kana, lafa aloo ta gamooji tana keesa isaaniini deeme, qaabad'a; inni aka isani ilaalatu gaargala isaniti erge, aka waan garaa keesani keesa jirafi aka isani seera isaa guuttani beekhu.
Aadaafi seerafi dubbi inni isani barsiisele jabeesa guuta.
AABBO Waaqa keesani garaafi onne teesani ch'ufaani aka jaba jaalad'a.
Tunini aadaafi seera AABBO Waaqi keesani worra kana barsiisi, gorsi naani jed'e. Lafa isani amma tana fud'atani iti qubachuu geettani tana keesati jabeesa guuta.
Achiti isani AABBO Waaqa keesani barbaaddani duuba yo isani garaa tokooni barbaaddani, inuma gartani.
Arra ya AABBO Waaqa keenna jettani himattani; ammalle nu ya AABBO Waaqa gula yaane, seerafi aada isaa guunne, dubbi isa gula yaane jettani.
Amma worra Israeli AABBO Waaqi maani isani iraa fed'a? Wonti inni isani iraa fed'u, aka isani AABBO Waaqa keesani sodaatani, kara isaa ch'ufa gula yaatani, isa jaalatani, AABBO Waaqa keesani garaafi onne teesani ch'ufaani hojattani,