Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 26:10 - KITAABA WAAQA

10 Tanaafi amma nu AABBO Waaqa mid'aani qara muranne bamanaafi. Duuba dadu suni AABBO Waaqa dura kaya, isa kad'ad'a.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 26:10
21 Referans Kwoze  

Ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini akuma keetiifi akuma oboleyaani tante ta raagootatiifi akuma nama dubbi kitaaba kana keesa jiru guutu ch'ufa hojattu. Waaqa guddisi!


Duuba waan tolchitani ch'ufa, yo nyaattani d'uuddanile, maro guddinna Waaqaatiifi tolcha.


Ilaali, jaala kiyya, atini wollaala namati murta? Wonti atini tolchituufi injirtu, abba feetu taanaanile. Yo wollaala namati murte, ammo waan worri tolchu tolchite, atini wollaala ufiti murta.


Jila baatitiifi ta Sabato ch'ufa nami gosa ch'ufaa wolti bahe arma Yerusalemu keesati na kad'ata.


Waan lafti tante sii baaftu dadansa ch'ufa AABBO Waaqaa baasi, akasiini isa guddisi.


Koota, isa durati gajenne kad'anna, AABBO Waaqa nu uume durati jilbifanna!


Gochiti atini uumte ch'ufti d'ufte, si durati gajette, maqa kanke guddifti.


Nami ch'ufti dureesafi hiyyeesileeni isa durati gajejed'a.


Gochiti ch'ufti AABBO Waaqa qaabate, fulla jirtu ch'ufa isati deebiti; nami gosa ch'ufa isa dura d'ufe kad'ata.


Ammo anaafi worri lafa tiyya eenu qara, ka nu dandeenne waan kana ch'ufa akana si baamnu? Wonti ch'ufti garuma keeti baati, nuleeni woma qara atini nu kennite sii kennina.


Arra ya AABBO Waaqa keenna jettani himattani; ammalle nu ya AABBO Waaqa gula yaane, seerafi aada isaa guunne, dubbi isa gula yaane jettani.


Duuba qaallichi kaani dadu isani iraa fuud'e fulla sorio AABBO Waaqa iti baasani taani dura kaya.


nami keesani ch'ufti mid'aani qara inni muratu dadu keesa kaye, fulla AABBO Waaqi keesani fohate, ta iti kad'atani taani, ha geesuti.


Ammalle qooda qara ka mid'aanifiti ka daad'itiifi ka dabassa hooliye ha fud'ataniti.


Mid'aanifi daad'i teesani keesaa sorio naa baasa; ammalle ilmaani teesani ta d'iira ta angafa naa kenna.


Ganna ch'ufa Mana AABBO Waaqa keesani mid'aani qara murattani kootaani. Ilmoole haad'a hootu na ind'aabiina.


Qaabad'a, nami irre duroomtanini isanii kennu AABBO Waaqa keesani. Wonti inni akasi tolchufi, waan inni wold'aqisa inni ababoota teesani woliini tolfate, haga arrale gula deemuufi.


Wonti si horsiisa eeba AABBO Waaqati, eeba tana ira, wonti hujiini guddooni si baatu injirtu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite