8 Ee AABBO Waaqa, worra kanke ka Israeli ka atini lafa Misiri keesaa baafte, araarami. Nu araarami, d'iiga nama woma intahini, ka due kana, nura inkayini.
Tanaafi worri AABBO Waaqati bohe waan jed'eeni, Ee AABBO Waaqa, nu si kad'anna, nama kanaa jette nu imballeesini; d'iiga nama woma iyyakiini kana nura inkayini. Ee AABBO Waaqa, nami waan kana ch'ufa tolchu siuma; wonti kunini ch'ufti woma atini tolchite.
Ammo waan toko hubad'a: yo na ijeeftani, isanifi nami dira kana yayu nama woma iyyakini ijeeftani wollaala seentani; wonti akanatiifi nami na erge dubbi suni, worra kanati himi nani jed'e, AABBO Waaqa.