6 Ammalle nami zabibu oobrate mid'aani qara inyaatini isani keesa jira? Yo jiraate, ha worra ufiti deebiuti. Yo ka inni indeebiini isa lola keesati ijeesani nama d'ibiti mid'aani isaa suni nyaata.
Hori worraa iraa saamani mana worrale ch'ufa balleesani. Worri haguma jiru mana jaarate kana keesa intau yokhaani oobru zabibu ta oobratani tana daad'i iraa ind'ugani.
Duuba worri gugurdaani askarti ha askartiti dubbate waan jed'uuni, Nami mana jaarate qara ineebisini isani keesa jira? Yo jiraate, ha worra ufiti deebiuti. Yo ka inni indeebiini isa lola keesati ijeesani, nama d'ibiti mana isaa eebisa.
Nami dubra kad'ate fuud'u gahe isani keesa jira? Yo jiraate, ha worra ufiti deebiuti. Yo ka inni indeebiini isa lola keesati ijeesani, nama d'ibiti intala inni kad'ate suni fuud'a.