Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 2:14 - KITAABA WAAQA

14 Gaafi kunini ganna sodomi saddeeteesoti, haga nu Kadesh-Barnea baane, akuma AABBO Waaqi jed'e kaani, nami duula d'aqu dandau ka d'aloota suni ch'ufti hobae.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 2:14
24 Referans Kwoze  

Tanaafi anini lafa gamooji suni keesati worrati kakhad'e waan jed'eeni, Anini lafa lafa ch'ufa ira mid'aadu, ta aananifi dammi aka lola yauti isani ingeesu.


Tanaafi anini dallane, kakhad'e waan jed'eeni, worri kunini boqota anini worraa kurfeese haguma jiru inargatu.


Tanaafi inni worrati kakhate, harka olqabate waan jed'e; anini lafa gamooji tana keesati isani fit'e,


Nu waan AABBO Waaqi keenna tolcha nuuni jed'e, tolchine. Duuba gaafa gaareeni Amoriti godaane, gaara Sinaiti kaane lafa aloo ballo nama sodaachiftu keesa dabarre.


Godaanti gaara Sinaitifi ta Kadesh-Barnea jiddu guyya kud'ani toko fud'atti, yo kara gaareeni ka lafa Edomutiini godaanani.


Musafi Harunifi gumi Israeli ch'ufati deebie, lafa Kadeshi jed'ani ta aloo ta Parani keesati. Worri waan arge biyyati hime, mid'aani d'ufaninile biyya garsiisani.


Ato isani waan kana ch'ufa aka dansa beetanile, anini aka Aabbooni gosa Israeli lafa Misiri keesaa baase, ammo eegi suni worra isa ind'ugefatiini ch'ufa balleese isani qaabsiisu fed'a.


Ammo taatule Waaqi worrati dalane, reefi worraa lafa aloo ch'ufa keesa firfirfame.


Jireenna keenna ya dallansuuni tante kute gabaabsite; inni akuma hafuura ch'ita.


Atini nama biyyeeti deebifte waan jettuuni, isani biyyeeti deebia.


Duuba eegi nu guyya heddu Kadeshi keesa teenne.


Anini inkakhad'a aka worri kuni, waan garaa tokooni na gula yau dideefi, nami worra ka ganna diddamati oli, ka lafa Misiri keesaa bahe, lafa anini Abrahamufi Isaaqofi Yakobo kakhad'e, tokoleeni inseenne.


Qaabad'a aka AABBO Waaqi keesani waan isani tolchitani ch'ufa keesa isani eebise. Inni yayu godaana isani lafa aloo ballo tana keesa godaantanile isani qorqorate. Inni ya ganna afurtama kana isani woliini tae, isanileeni ya waan feetani ch'ufa argatani.


Duuba akuma AABBO Waaqi nuuni jed'e, nu kaane galaana Zeredi taakine.


Wonti Yoshuani worra qabanqaba qabeefi tana: Nami d'iira ka lola guutu, ka lafa Misiri keesa bahe yayu karaati lafa aloo keesati hobae.


Wonti akanatiifi worri Israeli ganna afurtama lafa aloo keesa godaane, duuba nami ch'ufti, yokhaani nami lola guutu ch'ufti, ka lafa Misiri keesa bahe, waan qonqo AABBO Waaqa inch'aqasinifi raawate. Akuma Waaqi jed'e worri suni lafa aananifi dammi aka lolaa yau ta Waaqi ababoota worraati kakhate inagarre.


Jennaani ababooti teesani AABBO Waaqati boonnani inni jiddu worraatifi worra Misiri dukana kaye, bisaani galaana worra Misiri ira deebise. Isanileeni waan suni ya argitani. Isani lafa aloo ta gamooji ganna heddu teetani.


Gammada haga atini duri ganna heddu nu gaargalchite nu laalefachiifte kana gahu nuu kenni.


Guyya qara ka jia lameeso, ganna lameeso ka eegi worri Israeli lafa Misiri keesaa bahe, lafa aloo ta gamooji ta Sinai jed'ani keesati, AABBO Waaqi Waaro Woyyuma keesati waan Musani jed'e,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite