11 Ammo yo nami nyaapa ufii gaade beekha ijeese dira suni tokoti baqate,
Waaqi nama d'ossani nama ijeese ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.
Nami nama ijeese booluma ufi qotachu jira; nami tokoleeni iraa ind'owiini.
Yo akasi, gumiini ha nama nama ijeese suni d'uga murtufi; nama miilo isati aanu suni, ka halo barbaadu d'uga imurinifi.
Ka d'iiga namaa buuse, namati d'iiga buusa; wonti akanatiifi Waaqi fakeenna ufii gula nama mid'aase.
Nami oboleesa ufi jibbu ya nama ijeese; isani imbeetani aka nami nama ijeesu jireenna hegeri ufi keesa inqamne.
duuba jaaroleeni dira inni keesati d'alate suni ha nama ergite, isa qabani, harka fiit'a namicha inni ijeese suniti kennani; akanaani nami suni isa ijeese haalo baafatu. Nama akasi suni diqole
Yo d'iiga keesani buusani, anini gati ira qaba. Yo nami yokhaani bineensi d'iiga suni buusele, anini gati ira qaba.