21 Hojja fulla AABBO Waaqa iti kad'attani mid'aafattani, akheekha mukha ka waaqa Ashera jed'ani bira ind'aabiina.
Fulla waaqa d'ara iti kad'atani, ta gaara gubba, ta qara abbaani isaa Hezekiani ch'ach'abse, jaare, ammalle fulla Baali iti kad'atani sorio baasanifi mid'aase, fakeenna waaqa Ashera jed'anile boch'e, urjile ch'ufa gajed'e kad'ate.
Worri seera AABBO Waaqa isaani ch'ufa ch'abse, sibiila tume akheekha koromi lama mid'aafate; ammalle akheekha waaqa Ashera jed'ani mid'aafatani, urji kad'atani, waaqa Baali jed'ani hojatani.
Fulla waaqa d'ara iti kad'atani ta gaara ira, ta qara abbaani isaa Hezekiani ch'ach'abse, jaare ammalle fulla Baali iti kad'atani sorio baasanifi mid'aase, fakeenna waaqa Ashera jed'anile boch'e, akuma hayyuuni Israeli ka Ahabu jed'ani kaani tolche. Ammalle inni urjile ch'ufa gajed'e kad'ate.
Ammalle fulla worri sorio iti qalu balleesi, waan worri arti old'ad'aabufi akheekha waaqa worraa ka Ashera jed'ani ch'a ch'absi balleesi.
Ammalle akheekha waaqa Ashera jed'ani mid'aase, hayyooti Israeli ta isa duraa ch'ufa ira AABBO Waaqa Israeli dallansiise.
AABBO Waaqi worra Israeli d'ae worri aka ilaadu galaana keesati baatu daaqa. Inni worra lafa dansa ababoota isaaniti kenne tana keesaa fuud'e galaana Efrati gama suniti firfirsa, waan worri akheekha waaqa d'ara ka Ashera jed'ani mid'aafate isa dallansiisefi.
Worri Israeli AABBO Waaqa isaani ded'e, waan hamtu isa durati tolche waaqoota harkani mid'aasani, Baalifi Ashteroti, kad'atani.
Duuba waan isani taatani, fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu ka worri old'ad'aabe ch'ufa ch'ach'absa, akheekha waaqa worra ka Asheri jed'ani ch'iraa balleesa, waan worri boch'e aka waaqa yaamatu ch'ufa gubba balleesa.
Ammalle AABBO Waaqi Waan jed'e, Waan harkaani mid'aaani, d'akha boch'ani taanaani, akheekha woi taanaani, d'akha old'ad'aabani taanaani, tokole mid'aafatani inkad'atiina. Wonti akanatiifi anini AABBO Waaqa keesani.
Inni akheekha waaqa Ashera jed'ani mid'aase fuud'e Mana AABBO Waaqa ke kaye, Mana Waaqi duri Daudifi ilma isaa Solomonini; Yerusalemu keesa mana kana keesati fulla anini lafa gosa Israeli kud'ani lamaani taani keesaa fohad'e iti na kad'ad'a jed'e.