11 Deega haguma jirani lafa teesani keesa ind'abani; tanaafi anini amma qarqaara wo kennaafi isaniini jed'a.
Hiyyeeyiini guyya ch'ufa isani woliini jirti, ammo anini guyya ch'ufa isani woliini injiru.
Hiyyeeyi guyya ch'ufa wolumaani jirtani, ammo anini guyya ch'ufa isani woliini injiru.
Ammo arja taha, haga inni fed'u gati kennaafi.
Dureesafi hiyyeesale AABBUMA Waaqati uume, akanaani worri wolfakaata.
Waan qabdani gurgura, eebaani wo namaa kenna. Subba indulomane mid'aafad'a, hori gubba jiru ka inhobaamne olkeyad'a, fulla hattuuni iti ind'iaanne yokhaani fulla bilaachi imballeesine.
Hori yo gurgurani nami ch'ufti akuma woli ira gaargala qabuuni gargari qoodata.
Nama wo si kad'atu kenni; ka wo liqefatu ind'owatiini.
Yo dira lafa taatefu, ka AABBO Waaqi keesani isanii kennu tana keesa, gosa teesani keesaa deegi jiraate, garaa jabaatani, ufo taatani, qarqaaru indidina.
Isiini arja, hiyyeesafi nama laafale ch'ufa wo kennitifi.
Inni nama indabsu, yokhaani nama insaamu. Inni qabdo nami hori isa iraa fud'ate iti kenne deebise, beelaa beela baase, ka daara qabu daara baasa.
Ammo ganna torbeeso woma iti infach'aasina, ha bultuti, waan keesaa baha ch'ufa ha hiyyeesafi bineensi alaa nyaatu. Ammalle oobru zabibutiifi ta ejersa akasuma tolcha.
Nami hiyyeesa wo kenne ya Waaqa wo kenne, AABBO Waaqileeni waan inni kenne suni inuma deebisaafi.