Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 14:2 - KITAABA WAAQA

2 Isani worra qulqullo ka AABBO Waaqa keesani; inni ya gosa ch'ufa ta lafa gubba jirtu keesaa isani fohate, gumi ufii isani tolfate.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 14:2
23 Referans Kwoze  

Wonti isani akasi tahu maltanifi waan isani worra qulqullo AABBO Waaqa keesaniitifi. Gosa lafa ch'ufa keesa jirtu keesaa AABBO Waaqi isani fohate, gumi ufi isani tolfate.


Isani qulqullooftani nama kiyya tahu maltani, wonti akanatiifi anini AABBO Waaqa qulqullo. Ammalle anini gosa d'ibi keesaa koba isani baase, aka isani nama kiyya taatani.


Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.


waan atini gumi Israelini jettu, qulqullo taha, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi keesani, Waaqa qulqullo.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Yo isani AABBO Waaqa keesani saalfattani seera isaa guuttani, akuma inni kakhate inni gumi isaa qulqullo isani tolcha.


Anini Waaqa keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase, aka Waaqa keesani tahu. Tanaafi akuma anini qulqullo isanileeni qulqullo tahu maltani.


Gumi Waaqi baase isaniini jed'ani. Sileeni, Yerusalemu, dira Waaqi jaalatu, ka inni illakimne jed'ani.


Inni jabeenna argata, ammo ufiini inargatu. Inni guddo woballeese waan tolchu fed'u ch'ufa dabsata. Ammalle worra jajabaafi gumi Waaqa qulqullole balleesa.


Bineensa tokole ka ufiini due inyaatina, nama gosa d'ibi ka isani keesa godaanu kenna, ha nyaatuti, yokhaani nama d'ibi alalle iti gurgura. Ammo isani ka AABBO Waaqa keesaniti; gumi isaati. Ilmoole haad'a hootu na ind'aabiina.


Malaikaani taani harka lachu gara Waaqa olqabatte, maqa Waaqa haga jiru jireenna jirutini kakhate waan jette, wonti sunini eegi ganni sadiifi jii jaa dabre guutamti. Gaafa gumi Waaqa gaargalchani iraa deebiani wonti kunini gaafasu ya guutamte. Gaafa isiini dubbi suni jette anini artuma jira.


Namicha, Yerusalemufi fulla woyyu ta nami woi iti kad'atule ch'ufa abaari.


Ato nama kud'ani keesa nami toko hafele, takacha sunile imballeesani; inni hunda mukha dambi ka murani fakaata. Ammalle akuma hunda suni worri Waaqaa ka d'ibiini late ga baha.


Tanaafi oboleyaani tiyya maro naasu Waaqa guddotiifi anini isani kad'ad'a; aka sorio jirtu Waaqaa ufi baasa huji isaa hojad'a isa gammachiisa. Tunini aada d'ugaa ta isani tolfachuu maltani.


Ammo isani worra inni lafa Misiri ta aka boola ibida keesaa baase, haga arrale nama ufi isani tolfate.


AABBO Waaqi gumi ufii jaalate, nama ufii qorqorata. Tanaafi nu isaa jala teenne seera isa baranna.


D'iirti Yahudi nad'eeni gosa d'ibi fuute, akanaani gumiini Waaqa qulqullooni gosa d'ibiini wolseente qulqullooma d'abde. Waan hamtu kana nami mataa iti tahe nama ch'ufa ira tolche, jaaroleefi worra gugurda.


Anini muumme lafati isaniini d'ufe moga lafa fagooti isani yaame waan isaniini jed'e, Isani hojatu tiyya. Anini isani indinne, ammo isani fohad'e.


Ee Israeli, atini gaafasi tiyyuma worra qulqullo anini qara d'ale. Anini gaargalafi badi nami siti game ch'ufatini d'ufa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Ammo anini, lafa aananifi dammi aka lolaa yau tana fud'ad'a, d'aala isaniini jed'e. Anini AABBO Waaqa keesani, ka gosa ch'ufa keesaa koba isani baase.


Waan isani heddatani gosa d'ibi ira jiraattanifi AABBO Waaqi isani jaalate isani infohanne; isani qarale gosa ch'ufa ira diqo.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite