1 Isani ilmaani AABBO Waaqa keesaniti; tanaafi hojja nama due bootani, ufi imurina, yokhaani mata dura inhaadatina.
Wonti akanatiifi maro d'ugefachatiifi isani Yeso Kristo keesa ilmaani Waaqa taatani.
Tanaafi ijoolleeni aada nama gula d'alatte ta Waaqatiniti; ammo, ijoolleeni kakhu Waaqatiini d'alatte aka d'aloota d'uga heregani.
Qaalluuni tokoleeni mata isaa fulla tokole haadate yokhaani areedale haadate, nafale ufi ch'ich'ire aka bohu ufi ingarsiisini.
Fulluma duri, isani worra kiyyaaniti jed'aniti, achiti Ilmaani Waaqa Jiru jed'aniini.
Aki Waaqi, ka waan ch'ufa uume qorqoratu, gaargala Yesoni argateeni isa qit'oomsu fullaa, aka ilmaani heddu guddinna isaa qoodachiisu. Wonti akanatiifi nami worra dura deeme baafama worraa kennu Yeso.
Lubbuuni Waaqa lubbu teennaani taka taateti, Worri kunini ilmaani Waaqa jette nu d'ugeesiti.
Ammo nama isa fud'ate maqa isaa d'ugefate ch'ufa inni jabeenna kenne, aka ijoolle Waaqaa tahani.
Ammo ato akasile taate, worri Israeli hore aka maansa baariini lafa ira dabra, ka nami dandae inhenne. Qara Waaqi, Isani nama kiyyaniti jed'eeni, ammo guyyaani ind'ufa, ka inni, Ilmaani Waaqa jiru jed'uuni.
nami saddeetama Shekemufi Shilofi Samariaa bahe Mispa d'ufe. Worri areeda haadate woya ufi tatarsaase, ufi mamadeese, mid'aanifi hit'aana fuud'e, mana Waaqa geesu jira.
Nami diqaafi guddaani lafuma tana keesati hobaa, ammo nami worra awaalu yokhaani ka worraa bohu injiru. Nami worraa jed'e ufi mure yokhaani mata haadatu injiru.
Maro waan kanatifi ijoolle Waaqatiifi ijoolleeni Sheet'ana gargari gorti: nami d'uga intolchine yokhaani ka oboleesa ufi injaalanne ch'ufti ka Waaqaatiiniti.
Anini abba keesani tahe, isani ilmaani tiyya ta d'iiratifi ta dubra taatani, Aabbo Guddaani akana jed'a.
Inni gosa Yahudi ch'allaa induu, ammo aka gumi Waaqaa ta gargari firfirfamte wolti deebise taka tolchuufi dua.
AABBO Waaqi waan jed'u, Israeli anini ilma isani tolfad'e, lafa dansa lafa ch'ufa iraa mid'aadu isanii kennu fed'e. Ammalle waan isani aabbo nani jettanifi waan isani deebitani naraa gortani inseenne.
Gaafasifi eegi sunile worra gugurda toko lafa jira, ka haga woi gagahu, ka dubarti namaatiifi ilmaani Waaqaa d'alte. Worri worra jajaba duri, ka lafa keesati gurra qabu.
ilmaani Waaqa toko aka dubarti namaa mid'aadu agarte jennaani ta feetu fuute.
Kara kanaani aka nu ijoolle Waaqaa jaalannu beenna: yo Waaqa jaalanne seera isaa guunne.
Oboleyaani, nu isanii waan d'uga ka worra due dabre barattani feena, aka isani aka worra abdi inqamne ilaalefanne.
Gaargali hamaani ya worra Gaza qabate, worri Ashkeloni ya ch'allise. Worri Filistia kaani haga yoomi bohu lakisa?
Worri gumi Waaqi fohate; ilmaani ufi worra tolche, guddinna ufi worra woliini qoodate; wold'aqisa ufi worra woliini tolche Seera kenneefi; kad'acha d'uga qabani; ya kakhu Waaqa argatani;
hojja isani qonqo isaa d'ageetani, seera anini arra isanii kenne guutani, waan isaa durati qajeeltu tolchitani.
Jennaani raagooti taani lalabde kad'ate, aada ufi gula bilaafi woraanani ufi mumurte d'iiga ufi keesaa yaaafte.
Aki isani AABBO Waaqa tolchitani akana; daawe woma imbeenne tana? Inni AABBO keesani ka isaani uumeeniti? Inni isani daraarse gosa isani intolchine?
Atini abba keenna. Ababooti teenna Abrahamufi Yakoboni nu imbeekhani, ammo, ee AABBO Waaqa, atini abba keenna, ka guyya ch'ufa nu baase.
Gumiini tiyya boote na kad'atti, ato anini worra galchuu jiru. Anini afaani galaana daandi qajeeltu worri keesati ingufanne gula worraani godaana. Anini abba Israeliti, ilmi kiyya ka angafa Efraimu.