Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 11:2 - KITAABA WAAQA

2 Guyya kana waan AABBO Waaqa ka isani barattani qaabad'a nami waan suni barate ilmaani teesaniniti, isanuma isani guddinnaafi jabeennaafi irreefi

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 11:2
14 Referans Kwoze  

Qarqaarsa Waaqa argannaani anini arra nama diqaafi gudda duraleti d'ugeesu jira, waan raagafi Musani, Intaati jed'ani male, anini waan d'ibi ind'ugeesu:


Anini aka isani AABBO Waaqa d'ugeefatani fed'a, tanaafi jecha qaroo kana ch'ufa amma isani barsiisa.


Isaniini ch'ufti arra AABBO Waaqa keesani dura ejitani — worra gugurda mata gosatifi jaarole, d'iira,


Duuba anini waan jed'e, Ee AABBO Waaqa gudda, gumi taante tana, ta atini jabeenna harka keetitiini fuute, lafa Misiri keesaa baafte, imballeesini.


Deebitani AABBO Waaqa keesani inded'ina, yokhaani Waaqa d'ibiti garagaltani kad'attani inhojatina. Yo isani akasi taatani, anini arra Inuma dootani jed'e isani gorsa.


Gaargala hama isani ila teesaniini gartanifi waan jabdu ka mamatiifi irreefi harka jaba AABBO Waaqi isaaniini baase qaabad'a. Akuma inni worra Misiri gaafasi balleese, akasuma worra isani sodaattani kana ch'ufale balleesa.


waan jettani, me ilaala, AABBO Waaqi keenna ya guddinnaafi jabeenna ufi nu agarsiise, qonqo isale ya ibida keesaa d'ageenne: Nu arra Waaqa namaani dubbate nami ira hafe jiraate la agarre.


Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.


AABBO Waaqa, gudda, anini imbeekha aka wonti atini na garsiiftu kunini iti keeyacha waan gugurdo nama mamsiisa, ka atini takaa tana tolchitu. Waaqi tokoleeni, ka waan guddo mama aka atini tolchite kana tolchu, gubbaafi lafale injiru!


Irree isaa jabdufi harka isaa jabaani; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.


Ammo maro daba keennatifi isa woraanani, maro ch'ubbu teennatifi isaa d'aanani. Maro gaargala isaatiifi nu nagaya arganne, maro d'aanicha isatifi nu fayyisani.


Duuba waan worra Israelitini jettu, Anini AABBO Waaqa; anini huji hamtu gosa Misirii keesaa isani fuud'e, tissooma worrale keesaa isani baase, harka kiyya d'eerefad'e worra suni balleese isani baasa.


Worri Israeli haga Yoshuani jiru AABBO Waaqa hojatte, ammalle haga jaaroleeni ta waan AABBO Waaqi Israeli tolche ila ufiitini argite lafa jirtu, AABBO Waaqa hojatte.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite