29 Ammo anini waan jed'e, Worra suni ind'eetina.
AABBO Waaqa diddani iraa ingorina, worra lafa suni insodaatina, worri womaa keesa nu injiru, hure dabsanna. AABBO Waaqi nu woliini jira, Waaqa worra, ka worra qorqoratu, yayu dabsate irre d'owe, tanaafi insodaatina.
Nu achi iyyaanu, insodaanna worri nu ergine waan nuni jed'e, worri lafa suni worra jajaba d'ed'eera, haga arba gagahu, ka dira worrale naabo isaa d'akhaani marsani waaqati d'aabani jaarani.
AABBO Waaqi keesani isani dura deeme, nyaapa isani dura had'a, akuma isani lafa Misiritiifi ta alooleti agartani kaani.
Ilaafiina garaa jabaad'a, worra insodaatina, AABBO Waaqi keesani isani woliini jira isani ilakisu, yokhaani isani biraa indeemu.
Anini aka biyyiti mudamte arge jennaani, waan worraafi jaaroleefi gugurda worratiini jed'e, Nyaapa keenna ind'eetina. Qaabad'a, aka AABBO Waaqi ireefi jabeenna qabu; gosa teesanifi ilmaani teesanifi nad'eeni teesanifi olla keesanii jed'a, nyaapa had'a.
Insodaatina; waan AABBO Waaqi keesani Faraofi worra Misiri ch'ufa tolche qaabad'a.
Hojja isani nyaapa keesanini wolhad'u d'at'ani, gaari fardi hirkisufi fardoole askarti heddu ta teesani ira jirtu argitani, worra insodaatina. AABBO Waaqi keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase, isani woliini jira.
Inni waan jed'e, Ee hayyichaafi gumi Yudatifi ta Yerusalemu, AABBO Waaqi waan jed'u, insodatina, duuli guddaani kunini isani imudamsisini, nami duula kana had'u isaaniniti, Waaquma.
Duuba worri ch'ufti aka d'ufe Yerusalemu had'e waan ch'ufa balleese garagalchu malate.