24 Worri lafa gaareeniti iti d'aabate, haga bale Eshkoli ch'ufa dooyatani laalatani.
Ammalle aka biyyeeni lafa dansatiifi yokhaani aka lafti mukha qabdu qorqorad'a. Garaa jabaad'a, mid'aani lafti suni baaftu guura, kootani. Yoi kunini yo mid'aani zabibu ka qara bilchaatani.
Gaafasi worri haga bale Eshkoli d'aqe lafa arge, ammo galani jennaani biyya garaa laafisani lafa AABBO Waaqi worraa kenne seenu sodaachisani.
Wonti kunini dansa arge jennaani nama kud'ani lama gosa ch'ufa keesaa toko toko, fohad'e.
Worri mid'aani achi argateeni nuu gale waan jed'e, Lafti AABBO Waaqi nuu kennu lafa gabbo waan ch'ufa qabdu.