Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 1:16 - KITAABA WAAQA

16 Gaafasi anini iti hime waan jed'eeni, Dubbi wold'abisa ta nama keesani iraa d'uftu laala. Dubbi wold'abaa tana ch'ufa aka dansaa qoraa, ato isiini nama keesanifi keessuma isani keesa teetu iraa d'uftele.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 1:16
22 Referans Kwoze  

Nama nafa laaltani inqorina, ammo d'uga gula qora.


Seerri kunini ka nama ch'ufati, worra Israelitiifi worra gosa d'ibi ka worra keesa godaanule; wonti akanatiifi anini AABBO, Waaqa keesani.


Nama gosa d'ibi iti ch'ubbamtani indabsina; qaabad'a, aka isanileeni lafa Misirileti keessuma taatani.


Dureeyi lafa tanatiini ufi inguddisiina, abdi teesani durooma lafa tanaa, ka nami waan isi aka imbeenne ira inkeyatina, ammo Waaqa ka arjoomaani waan ch'ufa namaa kennu gubba keyad'a jed'iini.


Fuula Waaqaatiifi ka Kristo Yesotiifi, ka malaika qulqullo durati, anini si kad'ad'a, barsiisa tana gula deemi, nama tokole jaalatte gargari imfiliini.


Isani nami lafa mohatu, dubbi namaa d'uga gula qortani? Nama ch'ufa qajeeluma gula qortani?


Waaqi Israeli dubbate, siidani Israeli waan nani jed'e: Hayyuuni d'ugani lafa fidde seera Waaqa gula deemu,


Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Musa, guyyaani kanke ya gabaabate. Yoshua yaami, fulla Waaro Woyyumati woliini koota, aka anini waan inni tahu male iti himu. Duuba Musafi Yoshuani Waaro suni d'aqani,


Jennaani Musani waan worra Israelitini jed'e,


Nama hiyyeesa isani hojattu ka gosa teesani yokhaani nama gosa d'ibi ka dira keesani keesa tau taanaani, waan inni sila isani ira argachu male d'owartani indabsina.


Qaallicha Eleazarifi gumi ch'ufa dura d'aabi, worra ch'ufa durati isa eebisi, nama huji siraa fuud'u tolchi.


Hojja dubbi qortani d'uga gula qora; dureesa insodaatina hiyyeesale ira inch'isina.


Isani imbeetani, nu isani ch'ufa akuma abbaani ilmaani ufi heregu herenne.


Atini nama ch'ubbu inqamne dandeete ka ch'ubbu qabu woliini inhobaaftu. Suni sii imfakaattu. Yo atini akasi tolchite, ka ch'ubbu qabuufi ka ch'ubbu inqamneleeni woliini hobaa. Wonti kunini diqole intaatu. Jaallabi lafa tana ch'ufaa waan d'uga intolchu?


Duuba anini worra qaro, beekhafi hubacha qabu, ka isani gosa teesani keesa filatani, mataa isani tolche worri hagi toko mataa nama kuma tahe hagiini ka nama shantama tahe, hagi tokoleeni ka nama kud'ani tahe. Ammalle anini nama gugurda d'ibi gosa keesaa fohad'e.


Hojja nami lama jaaroleti woli himate jaaroleeni dubbi qorte, toko d'ugaa murte, kaani wollaala iti murte,


Worraa dubbad'i, dubbi worraa d'uga gula qori aada worraa badi d'owi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite