Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Qaabacha Seera 1:15 - KITAABA WAAQA

15 Duuba anini worra qaro, beekhafi hubacha qabu, ka isani gosa teesani keesa filatani, mataa isani tolche worri hagi toko mataa nama kuma tahe hagiini ka nama shantama tahe, hagi tokoleeni ka nama kud'ani tahe. Ammalle anini nama gugurda d'ibi gosa keesaa fohad'e.

Gade chapit la Kopi




Qaabacha Seera 1:15
12 Referans Kwoze  

Dira AABBO Waaqi keesani isani kenne ch'ufa keesati, jaallabafi jaarole dubbi qortu tolfad'a. Worri kunini ha d'uga gula dubbi qore muruti.


Isati wo namaa kenne; nama gari ergattu tolche, ka gari raaga tolche, ka gari odeesitu dubbi tolche, ka gari tissitu tolche, ka gari barsiiftu tolche.


Duuba inni waan worra gurgurda askarti isaa sunini jed'e, Isani worra gosa Benjamini, na ch'aqasa! Isani waan Daudini oobru mid'aanitifi ta zabibu isani ch'ufaa kenne, ammalle worra gugurda askarti isaa isani tolchu seetani? Wonti isani nati malatani na balleesu feetanifi tana?


Ammalle ititu qooda kud'ani tana gudda askartiti geesi. Waan oboleyaani tante keesa jirtu hubad'u ammalle waan aka atini worra garte na garsiisa natiini kooti.


Inni ta gari fuud'e gudda nama kumtoko tolcha, ta gari gudda nama shantama tolcha. Ilmaani teesani oobru isaa qote fach'aafte haamti ammo ta gari miha lolaatifi ka gaari suni mid'aasiti.


Musani abbooti duula ta nama kunki tokotifi nama d'ibba tokofati mata ta duula galteti dallane,


Ammalle nama jajaba atini abdatu, ka Waaqa sodaatu, ka d'uga beekhu, ka ammalle gumbo imfud'anne fili, mata gumi kuma yokhaani d'ibba yokhaani shantama yokhaani kud'ani tolchi.


Hojja huji suni hojattani, nama balbala toko mataa gosa ch'ufa keesa, ka isani wahelchu, fohad'a.


Isanileeni aka wonti kunini waan dansa, ka tolchuu malani ya ee jettani.


Gaafasi anini iti hime waan jed'eeni, Dubbi wold'abisa ta nama keesani iraa d'uftu laala. Dubbi wold'abaa tana ch'ufa aka dansaa qoraa, ato isiini nama keesanifi keessuma isani keesa teetu iraa d'uftele.


Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Sifi Haruni, Nadabu, Abihu ammalle jaarole Israeli nama torbatama woliini gaara gubbati nati koota; ammalle ato nara diqo fago jirtanu, gajed'a kad'ad'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite