Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Obadia 1:21 - KITAABA WAAQA

21 Worri Yerusalemu, ka nyaapa ufii dabsate, gaara Esau had'e mohata. Hayyuuni lafa suni AABBUMA Waaqa taha.

Gade chapit la Kopi




Obadia 1:21
37 Referans Kwoze  

Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.


waan kana qaabad'a. Nami nama daba tolchu wollaala iraa deebise, lubbu nama suni duisa keesaa baase, daba heddu jalaa baasa.


Duuba AABBO Waaqi hayyu lafa ch'ufaa tahe, nami ch'ufti aka Waaqa isa guddise maqa isaa ka AABBOTIINI isa beekha.


Jabeennafi guddinna lafa hayyuuni fidu ch'ufa gumi Waaqa guddati kennani. Finni worra ka jiru jireennati, nami lafa mohate ch'ufti worraa hojate saalfatafi.


Ufiifi barsiisa teetile eegi. Waan kana guuti: wonti akanatiifi yo atini waan kana guute ufiifi jara si ch'aqasule imbaafta.


Finni ka AABBO Waaqati, inni lafa ch'ufa fida.


Isani mesa kiyya gubbati nyaattani d'uddani, barch'uma guddinna ira teetani gosa kud'ani lama ta Israeli qortani.


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Woni sunini lafa Misiri keesa akheekha aka AABBO Waaqi lafa suni keesa jiru nama garsiisu. Hojja worra achi tau dabsani worri qarqaarsa AABBO Waaqa kad'atu, inni nama worra baasu iti erga.


Jennaani AABBO Waaqi jaallaboota worraa kenne ka harka worra worra saamu keesaa baaftu.


Jennaani anini barch'uma guddinnatiifi worra ira tatau arge. Jabeenna worri woiini qoru kennaniifi. Ammalle anini lubbu nama, maro worri d'uga Yesoni mulliseefi dubbi Waaqa odeese ijeesani arge. Worri bineensa inguddimne yokhaani akheekha isale, yokhaani beesisa isaa harkafi adda ira inqabu. Worri aka hayyoota tahe, Kristo woliini ganna kunki toko lafa fide.


Jennaani anini waan aka qonqo nama heddufi waan aka bisaani guddo gubbaa gadi jigatifi, waan aka qawe mandiisu d'agaye. Ammalle waan jed'ani, Waaqa faarsa! Wonti akanatiifi Aabbooni, Waaqi keenna Guddaani, Hayyu!


Ilaalacha nutiini ind'ufiini, ammo waan hamtu nuraa d'owi.


Finni kanke ha d'ufu, fed'i tante lafati ha guutani aka gubbaa guutani.


Duuba nami maqa AABBO Waaqaa yaamatu ch'ufti imbaafama. Akuma AABBO Waaqi jed'e, Gaara Sionitiifi Yerusalemu keesale nami baqate fiigu injira; nami fiige suni worra anini fohad'e.


Jaaroleeni qalbi qabdu aka gubbani bilit'u bibilit'i; jari nama heddu d'uga barsiisuleeni akuma urji haga jiru jireenna ifsa.


Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


Jennaani hojuma suni sibiilafi faarafi sibiila diimafi qarsifi worqiini ch'ach'abt'e, gargari jidde, bullofte, awaara guyya bona oobdi keesaa kaatu fakaatte. Jennaani bubbeeni d'ufte, ka tokole inhambisiini ch'ufa fuute. Ammo d'akhaani akheekha suni d'ae kaani gaara tahe lafa ch'ufa guute.


Gochiti ch'ufti AABBO Waaqa sodaate, hayyooti lafa ch'ufaleeni jabeenna isaa sodaati.


AABBO Waaqi qarqaarsa worra Israelitini harka worra Shamu keesaa baasu ergeefi, duuba akasiini worri Israeli akuma duri kaani nagaya horate.


Jennaani worri Israeli AABBO Waaqati bohe, inni nama worra baasu iti erge. Nami sunini Othnieli, ilma Kenazi, ka oboleesa Kalebu maand'icha.


tanaafi atini harka nyaapati worra kennite, akasiini nyaapi suni worra mohate. Gaargala ufi keesati worri qarqaarsa si kad'ate, atileeni gubbati worra ch'aqafte. Naasu tante guddooni atini nama harka nyaapa keesa worra baasu ergite.


Waaqi hayyu lafa ch'ufaati; faaru d'aad'a, isaa faarsa!


Gochiti ch'ufti ha gammadde sirbitu, waan atini d'uga gula nama qorte, gosa lafa keesa jirtu ch'ufa qajeelchitufi.


AABBO Waaqi waan jed'eeni, Gosa lamati garaa kanke keesa jira; atini ijoolle lama ta wolimfeene d'alta, toko kaani ira jaba, guddaani hojattu diqa taha.


Nami ch'ufti dureesafi hiyyeesileeni isa durati gajejed'a.


Jii dukanae aduuleni ifsu diddi; wonti akanatiifi AABBO Waaqa guddati Yerusalemu keesa gaara Sioni irati nama fide, jaaroleleeni guddinna isaa agarti.


Worri naafa, ammalle worra isaani ira fago jira, ammo anini worra hafe suni qarqaare gosa guddo tolche horsiisa. AABBO Waaqi armaa achi haga jiru jireenna gaara Sioni irati worra fida.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite