2 AABBO Waaqi waan lafa Edomutiini jed'u, Me ilaali, anini lafa ch'ufa keesa si yaarse, nami ch'ufti si tufata.
AABBO Waaqa guddati waan kana malate. Woni inni malateefi aka kiyyiba worra suni balleese jara isaani gugurda ch'eersu.
Inni nyaapa isaa ka Edomu dabsate, lafa worraa fud'ata ka Israeliini dabsachuma dabsatu,
Duuba nyaapi kiyya waan kana arge, nami qara na goyeese, Waaqi kanke me? naani jed'e inch'eera. Anini nyaapa suni ka aka d'oqe karaati d'id'iitani arga.
gosa gosa ch'ufa ira muyoo tae, iti deebie lafa d'ibi imohatu. Anini aka male worra laafise, duuba worri itumaa deebie gosa d'ibi irreeni imbulchu.
AABBO Waaqi irre isani d'owe, nami ch'ufti isani tufata.