Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Nehemia 12:43 - KITAABA WAAQA

43 Guyya suni sorio heddu qalani, biyyitileeni guddo gammadde, waan Waaqi worra gammachiisefi. Nad'eenifi ijoolleleeni gammadde, lalabde, sirbite, qonqo worraa fagole d'agayani.

Gade chapit la Kopi




Nehemia 12:43
29 Referans Kwoze  

Nami dandae iyyaana bohatifi ta gammada gargari beekhu injiru, wonti akanatiifi iyyanti worraa sunini aka male guddate, fagole ch'ufa d'agayani.


Ee AABBO Waaqa, hujiini tante jabduuni ya na gammachiifte; maro waan atini harka kanketiini tolchiteefi anini gammade sirba.


Dubarti gammade sirbite, d'iirti kaimafi jaaroleeni qilit'amti. Anini boha worraa garagalche gammada tolche, garaa worra jabeese laalala worraa garagalche qilit'ama tolcha.


Nami gaargala qabu jiddu teesani keesa jira? Ha Waaqa kad'atuuti. Nami gammada qabu jira? Ha faaru d'ahatuuti.


Dubbi faarutiifi ta sirba Waaqaatiini wolhasaa; faaru Aabbo garaa keesani keesati gammadaani d'ahad'a.


Tanaafi isani amma lalala qabdani, ammo anini deebieti isani arga, garaani keesani ingammada, gammada keesani kana nami dandae isani ira imfud'atu.


Qaalole gugurdofi jari Seera beekhu waan dansaa inni tolcheefi ijoolle Mana Waaqa keesati iyite, Ilmi Daudi ha guddifamu jettu d'ageennaani dalanani.


Gumiini Yeso dura yaatufi ta duuba yaatu iyite waan jette, Ilmi Daudi ha guddifamu. Ka maqa Aabbootiini d'ufu ha eebifamu! Waaqa ha faarsani jed'ani!


qonqo gammadaatifi ta qilit'amatifi qonqo gammada ta guyya fuud'a, d'agayani. Qonqo nama waan galata baasani Mana kiyyaani d'ufe sirbule d'agayani. Worri waan jed'u, AABBO Waaqa gudda galata deebisa, inni dansa, jaalalti isaaleeni haga jiru jireenna teeti. Anini lafa tana eebise finna duri isiini qabdu kaani deebisaafi. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


nama Sioni keesati bohu jiru ch'ufa fulla laalala gammadafi qilit'ama kenne, fulla laalefacha faaru d'aachisu. Worri mukeeni AABBO Waaqi oobre fakaata. Worri ch'ufti waan dansa tolche, Waaqale waan inni tolcheefi faarsani.


AABBO Waaqi irreefi wonte tiyya, anini isa d'aabad'e, inni na qarqaare na gammachiisa; tanaafi anini sirbe isa faarsa.


Akanaani anini nyaapa na dabsu dabsad'e, Mana isaa keesati gammade lalabe sorio baasa; anini sirba baase AABBO Waaqa faarsa.


Yo Waaqi ch'allise, eenuti dandae waan isa dubbata? Yo inni fuula d'ofate, eenuti dandae isa arga?


Jennaani Yehoshefathini duula ufi kaani dura, waan AABBO Waaqi worra nyaapa dabsachiisefi, gammadaani kae Yerusalemuti gale.


Worri Yuda ch'ufti, nad'eenifi ijoolle worraa woliini, Mana Waaqa dura ejaanjani.


duuba boriyyaate, guyya diddami sadeeso ka jia torbeeso, Solomonini biyya galche. Waan AABBO Waaqi gumi Israelitiifi Daudifi Solomonile eebiseefi biyyiti guddo gammadde.


Sanduqi Wold'aqisa AABBO Waaqa suni artini bahe jennaani worri Israeli gammade lalabe lafa chochoose.


Ammalle guyya gammadale ka isani jila baatitifi jila d'ibi aada tolfatanile, isani magalata d'au maltani, hojja isani sorio gubanifi sorio wold'ageeti baaftani. Duuba anini isani qaabad'e qarqaara. Anini AABBO Waaqa keesani.


Ammalle Maaseya, Shemaya, Eleazari, Uzi, Yehihanani, Malkia, Elemu, Ezeri. Sirbituni, ta Yezrahiyani iti mataa, lalabde sirbite.


Anini maro teetifi gammade qilit'ame si faarsa, Ee AABBO Waaqa gudda.


Gaafa naabo dira Yerusalemu eebisani, worra Lawi ch'ufa fulla worri jiru d'ufaniini, aka worri guyya jila suni sirba galatani deebisani bilbilafi kiraari d'ae sirbu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite