Nahumu 3:8 - KITAABA WAAQA8 Ninawi, atini dira Misiri ka Thebe jed'ani ira jirta? Innileeni galaana ufii d'aatu qaba, ka aka naabo isa marsu, ka galaana Nile jed'ani. Gade chapit la |
Kunini maqa worra muduunu suni keesaa wo d'uge: Hayyu Misiritiifi jara hojattu isaa gugurdafi jaarole isaatifi nama lafa isaa ch'ufafi nama gosa d'ibi ka lafa isaani keesa godaanule; hayyoota lafa Uzi: Hayyoota dira Filisti, ka Ashkelonifi Gazafi Ekroni, ammalle dira Ashdodi gama hafele; worra gosa Edomufi Moabufi Amonile; hayyoota Tirotifi ta Sidonile; hayyoota lafa afaani baariini ch'ufa; dira Dedanitifi Temafi Buzi; worra mata gabaabse ch'iratu ch'ufa; hayyoota Arafti; hayyoota gosa lafa gamooji keesa teetu ch'ufa; hayyoota lafa Zimritifi ta Elamutifi ta Medi ch'ufa; hayyoota lafa mirga ta fago teetufi ta d'io teetule woluma gulaani; gosa lafa gubba jirtu ch'ufa haguma isiini geetunu inobaasani. Duuba eege qit'isu hayyu Babilonile obaasani.