12 AABBO Waaqi waan worra Israelitini jed'u: Ato worri Ashuru jabaate yokhaani heddatele, worra balleesani lafaa d'abani. Gumi tiyya, ato qara isani gaargalchele, amma deebie isani ingaargalchu.
Anini amma tana mid'aanifi daad'ifi d'ad'a isanii kenna; duuba inquuftani. Gochiti d'ibileeni deebite isani intufattu.
Iti deebiani ind'eebotani yokhaani imbeelaani; adufi wonti owa tokoleeni worra ingubdu;
Me ilaala, nami ergaani d'ufu, ka odu dansa ta nagaya namati odeesu, gaareeni ira gad'ufuu jira! Worra Yuda, jila teesani tolfad'a, kakhu isani Waaqati kakhattani guuta. Worri ch'ubbu qabu suni deebie lafa teesani inhad'u; ya worra balleesani fit'ani!
Ilmaani hayyu lafa mirgaa duula gudda kaafte lola kurfefatti duuba duuli suni d'ufe aka lolaa worrati fach'ae, dira worraa jajaba ch'ufa had'a.
AABBO Waaqi keesani isani kalche waan isaniini jed'u, Anini muduunu dallansuuni isani kenne taani isani iraa fuud'a, isani deebitani daad'i isani macheesite taani ind'uddani.
Malaikani AABBO Waaqa fulla duuli Ashuru jiru d'at'e, askarti nama kuma d'ibbafi saddeetami shani hobaafte, boriyyaate lafti bariinaani nami reefa ufuma ch'iisu arge.
Worra Ashuru woraanani balleesani, ammo taatule harka namaatiini imballeesani. Worri woraana duraa baqate, kaima worrale tisse tolchani.
Isani, worri Yerusalemu keesa tau, deebitani imbootani. AABBO Waaqi naaso. Hojja qarqaarsa isa kad'atani inni isani qarqaara.
Galgala worri nama mudamsiisa, ammo yo lafti baritu imbada. Nami lafa teenna saame wo boojiu akasuma taha.
lafa Yuda ch'ufa keesa yae waan ch'ufa hare, haga gurmu namaa olbahe waan ch'ufa d'ossa. Waaqi nu woliini jira! Inni koola ufii ballise akasiini lafa qorqorata.
Guyya suni AABBO Waaqa nama mata isani ira haadu Efrati gama suni d'ufani — hayyicha Ashuru! Inni areedafi rifeensa matatiifi ka nafa ch'ufa isani ira haada.
Guyya toko, ato inni mana waaqa isaa, ka Nisroki jed'ani keesa tae waaqa kad'atu, ilmaani isaa lama, Adramelekifi Sharezani goraade ufitini isaa ijeefte, lafa Araratiti baqatte. Duuba ilmi isaa, ka Esar-Hadoni jed'ani, fulla isa hayyu tahe.
Halkani suni malaikaani AABBO Waaqa fulla duuli Ashuru jiru d'at'e, askarti nama kuma d'ibbafi saddeetami shani hobaafte. Boriyyaate lafti bariinaani reefa ufuma ch'iisu argani!
Halkanuma suni anini lafa Misiri keesa bahe angafa namaatiifi ka horifi bineensale ch'ufa ijeesa; ammalle waan harkaani boch'ani Waaqoota jed'ani lafa Misiri keesati kad'atani ch'ufa imballeesa. Anini AABBO Waaqa.
AABBO Waaqi guddaani nama nyaachisa nyaatu, d'ukuba iti buuse gaargalcha; nafa worra ibidati keesa bobaa.