9 Qomti worra waan aka wonte sibiila qabdi, iyanti koola worraa aka iyana fardo lola yaatu jirti.
Oobju keesa anini fardoolefi nama isi ira tatau arge: Worri wonte aka ibida bobeetu qaba, ta aka dooqa bulle, ta ammalle daalatooftu. Mataani fardoole aka mata nyeench'a jira, afaani worraa keesaa ibidafi aarafi qanqeeni yaate.
Lafeeni isaa akuma sibiila diima jabaati, miili isaa akuma ule sibiila jira.
Hojja magalata d'aani ch'ufa inni inimimsa; ato fago jiru inni had'iisa suufe, lalaba abbaani duula lalabu d'agaya.
Kobele worra duulaatiifi woya isaani, ta d'iigi balleese, ibidaani gubani.
Worri kotte fardatifi dibbeesa gaaritiifi girreesa miila isale d'agaya. Abootini garagalte ilmaani ufi infud'attu; harki worraa akanumati naasuuni iraa jiga.