Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 7:17 - KITAABA WAAQA

17 wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 7:17
42 Referans Kwoze  

ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.


Niitiini taani waan jetteeni, Aabbo, atini waan woraabduuni inqabdu, eelileeni guddo gadi qile, eesa bisaani jireenna suni argatta re?


Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.


Inni imimaani ch'ufa ila worraa iraa haaqa. Iti deebie nami induu, lalefachafi boafi d'ukubsachaani injirtu. Wonti duri ya badde.


Atini nyaapa kiyya ch'ufa durati jila naa tolchite; d'ad'ale na muude, waan anini d'ugule naa kennite na quubsite.


Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.


Anini tissitu dansa. Tissituuni dansaani jireenna ufi maro hooliyetiifi baafti.


AABBO Waaqi dua haga jiru jireenna balleese, nama ch'ufa imimaani ira haaqe, ch'eera lafa ch'ufa keesati gumi isaa qabate iraa fuud'a. Dubbi tana AABBO Waaqati jed'e!


Anini tissitu dansa. Anini hooliye tiyya beekha, isiileeni na beeti,


Wonti akanatiifi gumiini tiyya yayu kara lamaani ch'ubbu tolchite: Worri yayu ana madda inch'inne lakise, qaba bisaani, ta babaqat'e bisaani keesa inteenne heddu qotate.


Anini hayyu aka hojatu tiyya Daudi jiru worraa kenna, ka tisse worra qorqoratu.


Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.


Ee Bethlehemu, ta lafa Yuda keesa, atini maand'aniti hayyoota Yuda keesa; si keesaa nama gosa tiyya Israeli fiduti baha.


Akuma bisaani eela qullooni nama d'eebuu qabu gammachiisani, akasuma gumiini Waaqaa hojja inni worra baasu gammaddi.


Ee AABBO Waaqa, gumi tante baasi nama kankele eebisi. Tissitu worraa tahi, haga jiru jireenna worra hampaari qorqorad'i.


Inni gaafa d'ufu jabeenna AABBO Waaqatifi guddinna isaatiini gumi ufii tissa. Gumiini isaaleeni nagayaani teeti, waan nami lafa keesa jiru ch'ufti guddinna isaa beekhuufi;


Guyyaani kanke ka laalala inhobaa. Anini, AABBO Waaqi, ifsa jiru jireenna, ka aduufi jiale ira sii ifsu, sii taha.


Ammalle anini waan jara hid'aansa keesa jiruni jed'u, Ga baha! Worra dukana keesa jiruleeni waan jed'u, Ifsaati ga baha! Worri akuma hooliye gaareeni gubba oole, adaala kubii ch'ufa ira d'eeda.


Worri Waaqi baase sunini sirbe gammade Yerusalemuti gala. Worri haga jiru jireenna gammada, laalefachaafi booti worra biraa baqatti.


Isani, worri Yerusalemu keesa tau, deebitani imbootani. AABBO Waaqi naaso. Hojja qarqaarsa isa kad'atani inni isani qarqaara.


Gaara Sioni kana irati AABBO Waaqi guddaani gosa lafa ch'ufati jila tolcha; jila sagale dadansaafi daad'i dansa.


Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.


Hooliye Waaqi isanii kenne garaa tokooni tissa, garaa lamaaniti, akuma Waaqi aka isani tolchitani fed'u. Huji teesani hori keesaa argattani ch'allaafi intolchiina, ammo fed'iini tolcha.


Tanaafi ufiifi hooliye Lubbuuni Qulqullooni isaniti kennitele qorqorad'a, aka gumi Aabbo ta inni d'iiga ufitiini bitate nyaachiftani.


Ee AABBO Waaqa, gumi tante ta atini fohatte, ule tanteetiini tissi. Ato worri lafa aloo koba keesa taele, lafa gabboti d'aatu worraa jira. Worri ha godaane lafa gabbo Bashanitifi Gileadi, ta worri duri keesa tauti deebie achiti nyaate d'uguuti.


Gumiini tiyya boote na kad'atti, ato anini worra galchuu jiru. Anini afaani galaana daandi qajeeltu worri keesati ingufanne gula worraani godaana. Anini abba Israeliti, ilmi kiyya ka angafa Efraimu.


Inni aka tissituuni hori tissitu gumi ufi tissu jira; ammalle ilmoole wolti guure hampaare qomati qabata, hawani isiile laanuma bobaasa.


Hiyyeesi haga fed'u nyaate quufa; nami AABBO Waaqa barbaadu isa faarsa. Worri sunini ha haga jiru jireenna hormaata qabaatuti!


Guyya maneeni jajabdu nyaapa keesani ch'ach'absani worra suni hobaasani, lagi gaareenifi kubilele ch'ufa ufuma dibbise iraa yaa.


Nami atini baafte, gammadaani dira Yerusalemuti deebie sirbe qilit'ama. Worri haga jiru gammada, deebie bohe ilaalefatu.


Anini Yerusalemu iraa gammade, nama isiile maacha. Deebiani achiti imbohani yokhaani ilaalefatani.


Ayyaana worra lalefatu: Waaqi garaa worra jabeesa!


Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.


Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.


Anini Mana Waaqa dira suni keesati ingarre, wonti akasitiifi Mani Waaqa suni Aabbo Waaqa Guddafi Ilme Hoola.


Diri ifse adutiifi jia imfed'u, waan guddinni Waaqa iti ifse, Ilmeeni Hoolaleeni ifsa taatuufi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite