Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 7:15 - KITAABA WAAQA

15 Maro waan kanatifi halkani guyya barch'uma Waaqa dura ejaanjani Mana Waaqa keesati isaa hojatani. Nama barch'uma gubba tau suniti worra woliini tae worra qorqorata.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 7:15
25 Referans Kwoze  

Waan Waaqi abaare tokole dira suni keesati inargani. Barch'umaani Waaqatiifi ka Ilme Hoola dira keesa jira, hojattuuni isaa isa guddifti.


Mani Waaqa, waan harkaani boch'ani ka worri Waaqa imbeenne kad'atuuni wolintaani? Nu Mana Waaqa jiruuti! Akuma Waaqi ufiini jed'e, Anini mana kiyya worra woliini jaarad'e worra woliini taa, anini Waaqa worraa tahe, worrileeni gumi tiyya taha.


Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.


Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.


Daudini waan jed'e, AABBO Waaqi Israeli yayu gumi isaati nagaya kenne, innileeni haga jiru jireenna Yerusalemu keesa taa.


Halkani deebiani injirani, ifsefi adu imfed'ani; wonti akanatiifi Aabbo Waaqati ifse worraa taha, duuba aka hayyoota haga hegeri lafa fidani.


Mana Waaqa ka gubba jiru banani, sanduqa wold'aqisa kaani Mana Waaqa keesati argani. Duuba hangaasufi dibbeesafi d'uqeesa mandiisutifi chochoiti lafatiifi bokeeni d'akhaani roobe.


Eegi waan kana anini millad'e gumi namaa guddo arge nami tokoleeni dandae nama suni ch'ufa inhedu! Gumiini suni lafa ch'ufa, gosa ch'ufa, afaani ch'ufa keesa baate, barch'uma guddafi Ilme Hoola dura ejaanjate woya adaadi keyate, dame qoone harkati qabate.


D'awatu barch'uma suni barch'uma diddami afuri d'ibiti jira, ammalle barch'uma suni gubba jaarole diddami afuri, ta woya adi uyifatte sure hayyuma maratteti jira.


Wonti nu jennu tana: nu qaallu gudda akana ka barch'uma Waaqa Gudda harka mirga gubbaa tau qamna.


Isani aka mana Waaqa ufi imbeetani? Ammalle aka Lubbuuni Waaqa isani keesa teetu ufi imbeetani?


Anini mana atini jaartu kana keesa worra kiyya ka Israeli woliini tae, deebie worra illakisu.


Anini worra Israeli keesa tae Waaqa worraa taha.


Jennaani Sheet'ana, ka worra sobe, galaana ibida keesa buusani, fulla bineensafi raaga d'ara qara buusani, halkani guyya haga hegeri worra gaargalchani.


Anini Waaro tiyya ta Woyyuma keesa jiddu teesani tae, guyya tokole isani jibbe isani bira indeemu.


Anini achi worra woliini tae, Waaqa worraa tae, worrileeni gumi tiyya taha.


Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.


Yo wonti Lubbu qaba afraani sirba guddinnatiifi ka ulfinnatiifi ka galata nama barch'uma guddinna gubba tau, ka haga hegeri tau sirbitu,


Inni Waaqafi maqa Waaqatiifi fulla inni taufi worra gubba taule abaare.


Anini Mana Waaqa dira suni keesati ingarre, wonti akasitiifi Mani Waaqa suni Aabbo Waaqa Guddafi Ilme Hoola.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite