Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 7:14 - KITAABA WAAQA

14 Anini waan jed'eeni, Anini imbeekhu, siti beekha. Inni waan naani jed'e, Kunini worra nagayaani gaargala jala bahe. Worri woya miich'ate d'iiga Hoolatiini adefate.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 7:14
30 Referans Kwoze  

Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.


Ayyaana worra woya ufi miich'ate qulqulleesu. Akasiini mid'aani mukha jireenna iraa nyaatani, Fullo diratiini olseenani.


Maro waan kanatifi Yesoleeni balbala dira alati due, aka d'iiga ufitiini daba nama iraa qulqulleesu.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


Oboleyaani teenna d'iiga Ilme Hoolatiifi d'uga worri odeesuuni isa dabsatte; worri kurfo jira aka jireenna ufi baase duu.


Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Koota, dubbi tana ilaala. Ato dabi keesani diimatele adi aka aanani tolchani, Ato inni aka male diimatele adi aka ch'aama tolchani.


D'iiga Kristo ka guddo gati qabuti isani bite, ka aka ilme hoola bobotolefi miid'ama tokole inqamne.


Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Gaargali guyya suni gaargala taka haga lafti uumamte haga arrale ind'ufiini taha. Wonti akasi iti deebite lafa ind'uftu.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Gaafa guyyaani suni gahe, madda ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu dabafi t'uri iraa qulqulleesitu banani.


Waan kana anini ya isaniti hime, aka na keesa nagaya argattani. Lafa keesa d'ipu argattani, ammo garaa jabaad'a! Anini ya lafa dabsad'e.


Anini aka niitiini d'iiga worra Waaqatiifi ka worra Yeso d'ugefate ka fit'aniini machoofte arge. Isi arginaani anini guddo maadefad'e.


Gaargala keenna keesaleti ingammanna, waan nu aka gaargali obsaani d'ufu beennuufi;


garaa worra d'ugefate jabeese aka d'ugefacha keesa taani gorse waan jed'e, Nu gaargala guddaani Finna Waaqa argachu malle.


Jennaani anini waan galaana dawiti fakaata arge; ka ibidaani wolkeesa jiru Anini ammalle worra bineensafi akheekha isaatiifi nama maqaani isa lamba fakaatu dabsate arge. Worri fulla galaana dawiti fakaatu ejaanje kiraari Waaqi worra kenne harka qabata.


D'ipufi hiyyuma tante imbeekha. Ammo atini guddo dureeti. Anini d'ara ta jari Yahudi intahiini ka ammo Yahudi ufiini jed'u suni jed'u imbeekha. Worri gumi Sheet'anaati.


Maro waan kanatifi nu gumi Waaqa keesa dansooma keesani dubbanna. Aka isani obsitani d'ugefattani dubbanna, gaargalafi d'ipu isani argattani keesa.


Qube worqi afuri ta baataniini mid'aase, miila isaa afraaniti gama lachu qube lama mat'anse.


Anini nama arti eju tokoti d'ufe, waan daayyani tunini d'ooftu nati himi jed'eeni. Jennaani inni nati hime


Jaarole qalbi qabdu suni haga toko infit'ani, aka akasiini gumi taani qulqulleesani aabo d'owani. Wonti kunini haga muummeeni Waaqi kurfeese d'uftuti halkani guyya inuma taati.


Malaikaani woya boofta uyifattu waan jette, Gaafasi malaikaani guddoni, Mikaeli jed'ani, ta gosa tante qorqorattu, ind'ufti. Duuba guyya gaargala ka haga nama lafa irati uumani takaa inarginiti d'ufa. Gaafasi nami gosa teeti, ka maqa isaa kitaaba keesati t'aafani ch'ufti lubbu baha.


Wonti akanatiifi guyya suni gaargala haga Waaqi lafa uume haga arrale nami taka inargiiniti d'ufa. Wonti akasi iti deebite lafa ind'uftu.


Eegi waan kana anini millad'e gumi namaa guddo arge nami tokoleeni dandae nama suni ch'ufa inhedu! Gumiini suni lafa ch'ufa, gosa ch'ufa, afaani ch'ufa keesa baate, barch'uma guddafi Ilme Hoola dura ejaanjate woya adaadi keyate, dame qoone harkati qabate.


Duuba gaargala kanke ch'ufa, yo suni deete, aka lola fooqateti heredda.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite