11 Malaikaani ch'ufti barch'uma guddinnatiifi jaarolefi waan lubbu qaba afraani kaani marsite, barch'uma guddinna durati jidde Waaqa guddifte, waan jette,
jaaroleeni diddami afuri taani nama barch'uma guddinna gubba tau kaani durati jidde isa guddifti. Sure hayyuma taani isa durati jissani waan jed'ani:
Barch'uma suni durale waan aka galaana dawiti ka bibiliqaati jira. Ammalle d'awatu barch'uma suni, gama ch'ufa waan lubbu qaba afuriti jira ka ila duraafi duubale qabdu.
Jennaani jaaroleeni diddami afuri, ta barch'uma guddinna Waaqa dura teetu, fuula durati jidde, lafati gogombofamte Waaqa kad'ate.
D'awatu barch'uma suni barch'uma diddami afuri d'ibiti jira, ammalle barch'uma suni gubba jaarole diddami afuri, ta woya adi uyifatte sure hayyuma maratteti jira.
Ammalle gaafa Ilma angafa lafaani d'ufe inni waan jed'e, Malaikaani Waaqa ch'ufti ha isa guddiftu.
aka nami ch'ufti Ilma guddisu akuma Abba guddisani. Nami Ilma inguddimne Abba isa erge eesaa fuud'e guddisa?
Jennaani Yesoni waan jed'eeni, na biraa deemi, Sheet'ana t'aafiini waan jettu Aabbo Waaqa kanke ch'alla guddisi isuma ch'alla hojad'u!
Ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini akuma keetiifi akuma oboleyaani tante ta raagootatiifi akuma nama dubbi kitaaba kana keesa jiru guutu ch'ufa hojattu. Waaqa guddisi!
Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.
Nama waaqoota d'ara kad'atu ch'ufa inch'eersani; waaqooti ch'ufti d'ufte AABBO Waaqa durati gajejeti.
Mid'aagumti tante hayyu d'araasifti; inni gudda keeti, isaa saalfad'i:
Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.