16 Gaareenifi d'akhaye yaamani waan jed'ani, Nurati jiga, ila nama barch'uma hayyuma gubba taufi dalansu Ilme Hoola dura nu d'ossa!
Gaafasi waan gaareeniini jed'ani. Nurati jiga, ammalle waan kubileeni jed'ani, Nu d'ossa.
Fulla worri Israeli wollaala tolche fiit'e gaara irati waaqoota d'ara kad'atu, ta dira Aveni keesa, imballeesani. Qoraatifi doobiini fulla worri sorio irati baasu irati baati. Worri ufi jibbaate gaareeniini, Nu d'ossa jed'e, kubileeni, Nura jiga jed'a.
Maro tokotu Lubbuuni Waaqa na seente, olmillannaani barch'uma guddinna toko ka nami ira tau gubbati arge.
Jennaani anini barch'uma guddinna adi guddafi nama ira taule arge. Lafafi gubbaleeni isa dura baqatte, fulla d'abde.
Yesoni waan isaani jed'e, Atu ya jette. Ammo waan anini isaniti himu, Eegi arra, Ilma Nama ka harka mirgicha Waaqa Gudda tae, dumansa gubbatiini gadi deebiu argitani.
Ammo gochiti hamtuni tunini, nami hafu ka lafa anini iti firfirse keesa qubatu, jireenna ira dua jaalata. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa gudda.
Sheeftiini qara qabdu afaani isaa keesaa baate, ta inni gosa ch'ufaani dabsatu. Inni ule sibiilatiini worra fide, daad'i dalansu Waaqa Gudda ch'unfa.
maqa Waaqa ka haga hegeri jiruufi ka gubbafi waan keesa jira ch'ufa uume, lafafi waan keesa jira ch'ufaafi galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumeeni kakhate. Malaikaani waan jette, ammaa achi wonti kunini iti deebite inturtu.
Qonqo guddooni iyani waan jed'ani, Waaqa Gudda, qulqullofi ka d'uga! Atini yoomi worra lafaa wollaala iti murte, maro worri nu ijeeseefi worra gaargalchita?
Yo wonti Lubbu qaba afraani sirba guddinnatiifi ka ulfinnatiifi ka galata nama barch'uma guddinna gubba tau, ka haga hegeri tau sirbitu,
Barch'uma guddinna suni keesaa hangaasufi iyanafi mandiisuuni baate. Ammalle barch'uma durale ifse torba ta ibidati bobaa; tunini lubbu Waaqa torba.
Ammo worri waan Waaqi nama d'uga gula deemu kalchuufi mudama.
Biyyiti goda d'akha keesati d'okhate, yokhaani lafa keesati boola qotani aka dallansu AABBO Waaqa dura baqatani, jabeennaafi guddinna isaa duraa bahani.
Inni dalansuuni worra mimillate, aka garaani worra jabaate lalefannaani nama kaaniini, Harka diriirfad'u jed'e. Inni harka ufi diriirfannaani fayye.
Anini harka nama barch'uma guddinna gubba tau kaani keesati woraqata toko ka duraafi duubale t'aafani, ka beesisa torbaani ch'ufani arge.
Jia shanaani suni jari sunini dua barbaada, ammo inargatani; duu fed'ani, ammo doti worra baqatti.