Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 6:10 - KITAABA WAAQA

10 Qonqo guddooni iyani waan jed'ani, Waaqa Gudda, qulqullofi ka d'uga! Atini yoomi worra lafaa wollaala iti murte, maro worri nu ijeeseefi worra gaargalchita?

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 6:10
33 Referans Kwoze  

Qorsumaani isaa ta d'ugatiifi ta qajeelaati! Inni ya sharmut'iti guddo ta hameenna ufitiini lafa balleesite wollaala iti mure. Waaqi ya maro isiini tissele isaa fit'eefi gaargalche jettu.


Worri Waaqa imbeenne ya dalane, ammo dalansuuni tante ya d'ufte, hojjaani worra due qoranile; ammalle hojjaani hojattu tante raagootafi nama ch'ufa, diqaafi guddale, nama si sodaatu ch'ufa galata kennaniifi ya d'ufte. Yoi nama lafa balleesu balleesani ya gahe!


Haalo imbaafatiina, jaalaani tiyya, ammo ha dalansuuni Waaqaa haalo isani baaftuuti. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Anati haalo baasa, Aabbooni akana jed'e jetti.


Waaqi nama gaargala keesa jiru ch'ufa inqaabata; inni boha isaani inded'u, inni nama worra dabsule haalo fuud'a.


Gara malaika gumi Filadelfia waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qulqullotiifi ka d'uga, ka fura Daudi harkaa qabu, ka yo inni bane nami tokoleeni dandae inch'umne, yokhaani yo inni ch'ufe nami tokoleeni dandae imbanne.


Wonti akanatiifi kunini guyya haalo baafatani, ka waan t'aafani ch'ufa guutani.


Jennaani malaikaani AABBO waan jette, Ee AABBO Waaqa Gudda, atini haga ganna torbatama asi Yerusalemufi dira Yuda ch'ufati dallante, ammo amma yoomi naataafi?


Gammada, maro badi isaatiifi, Ee Gubba! Gammada, worra Waaqatiifi ergattufi raagoota! Waaqi ya maro waan inni isani tolcheefi isa qore!


Wonti Babiloni gaargalchaniifi, waan d'iiga raagootatiifi worra Waaqaa isa keesati arganiifi; ee, d'iiga nama lafa keesati ijeesani ch'ufa.


Gochiti d'ibiini maafi, Waaqi keesani me? Jette nu gaafati. Aka atini gosa d'iiga hojattu teeti jissite gaargalchitu nu garsiisi.


AABBO Waaqi ha anaafi sii nama wollaala qabu arguti! Inni waan atini akana na gaargalchiteefi sile gaargalchina anini gama kiyyaani woma si intolchu.


Waan atini aka anini, Obsi siini jed'e, obsiteefi, anini gaargala lafa ch'ufati d'ufe nama lafa ch'ufa ilaalatu duraa si baasa.


AABBO Waaqi waan jed'eeni, Atini maafi waan hamtu akana tana tolchite? D'iigi oboleesa keeti qonqo lafa iraa iyyitu nati fakaata.


Isani la Yesoti d'uftani, ka wold'aqisa haraa tolche, ammalle la d'iiga fifit'ani, ka d'iiga Habili ira waan dansa himuti d'uftani.


Worra suni nami toko d'ufe, malaika gara bisaani gadi d'ufanifi ejitu taanini waan jed'e, Wonti mama kunini yoomi guutamti?


Inni ya na erge, aka anini bara Waaqi gumi ufi baase nyaapa worra dabsatu himu. Inni ya na erge, aka anini nama bohu ch'ufa kibe garaa jabeese,


Ee AABBO Waaqa, atini haga yoomi, ka woma intolchine waan kana ufuma teete ilaalta? Harka worraa jalaa na baasi, nyeench'a kana ch'ufa duraa na baasi!


Ee AABBO Waaqa, atini haga yoomi na ded'u lakifta? Haga jiru jireennati? Haga yoomi na d'okhachu lakifta?


Jennaani Samsonini AABBO Waaqa kad'ate waan jed'e, AABBO gudda si kad'ad'a na qaabad'u, Ee, Waaqa irre tiyya maro toko ch'alla naa deebisi, aka anini worra Filisti haalo ila tiyya lamaani baafad'u.


Jennaani anini malaika malaika d'ibi wo gaafattu d'agaye Isiini waan jette wonti daayya tana keesati argani kunini yoomi dabarti? Ch'ubbuuni hamtuni fulla sorio guyya ch'ufa baasani d'uftu sunini haga yoomi teeti? Haga yoomi askarti gubbatiifi mana Waaqale ira ejaanjatani?


Anini haga yoomi eegu male? Atini yoomi nama na gaargalchu gaargalchita?


Amma, Aabbo, aka atini jette gula, garbicha kanke nagayaani deemsisi.


Raagooti d'ara duru biyyati d'ufte, ammalle akasuma raagooti, d'ara isaniti indufti. Barsiisa d'araatiifi ta nama balleesituuni d'ufte, Aabbo ka worra baase mormatte maro tokotu ufi balleesite.


Ee AABBO Waaqa kiyya, akuma worri kunini na tolche kana worrale tolchi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite