Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhii Yohaannisii 5:9 - KITAABA WAAQA

9 Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.

Gade chapit la Kopi




Mudhii Yohaannisii 5:9
41 Referans Kwoze  

Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.


Kunini d'iiga kiyya ka wold'aqisa haraa, ka nama hedduu jissani, aka daba nama araaramani.


Inni faaru hareeti Waaqa keennaani faarsani na barsiise. Nami hedduuni waan kana arge sodaate AABBO Waaqa abdata.


Jennaani anini malaika d'ibi ta gubba bariftu arge, ta Odu Dansa ta haga hegeri jirtu nama lafa ch'ufati himtu, gosa ch'ufati afaani ch'ufaani.


inni isani bite, Tanaafi nafa keesani suniini Waaqa guddisa.


qonqo guddooni sirbite waan jette: Ilmeeni Hoola ta ijeesani, jabeennaafi duroomafi qaroomafi irreefi ulfinnafi guddinnaafi faaru argachu malte!


Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.


Tanaafi ufiifi hooliye Lubbuuni Qulqullooni isaniti kennitele qorqorad'a, aka gumi Aabbo ta inni d'iiga ufitiini bitate nyaachiftani.


akuma Ilmi Nama, aka nami isa hojattufi ind'ufiini, ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasu d'ufe.


Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Raagooti d'ara duru biyyati d'ufte, ammalle akasuma raagooti, d'ara isaniti indufti. Barsiisa d'araatiifi ta nama balleesituuni d'ufte, Aabbo ka worra baase mormatte maro tokotu ufi balleesite.


Ilma suniti nu balchoomse daba keenna nu araarame.


Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa,


Maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani, keenna ch'allaaniti ammo ka nama lafa ch'ufale.


Waaqi gatiini isani bitate; tanaafi tissele nama intahiina.


AABBO Waaqa faarsa! Sirba hareesani AABBO Waaqa faarsa; woldeenna gumi isaa ta d'uga keesati, isa faarsa!


Sirba hareesa sirba, aka dansaa kiraari d'aa, gammadaa sirba!


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Nami gosa ch'ufa, ka lafa ch'ufa, ka afaani ch'ufa, guyya sadifi nusa reefa worraa ilaale awaalu d'owa.


Ee Waaqa anini sirba haareesa sii sirbe kiraari d'ae si faarsa.


Sirba hareesa Waaqaa sirba, maro inni waan mama tolcheefi! Inni harka isaatiifi irre isaa qulqullooni ya waan ch'ufa dabsate.


Sirba haareesa AABBO Waaqaa sirba! Lafti ch'ufti ha AABBO Waaqa faarsitu!


nami magalata d'au lalabe, biyya yaame waan jed'e, gumi gosa gosa, ta d'aloota d'aloota, ta afaani afaani dubbatu!


Faaru hareetini AABBO Waaqa faarsa; lafti ch'ufti ha isa faarsitu! Isani worri baariini keesa yaufi wonti baariini keesati gala isa faarsa! Lafa fagootifi nami isi keesa tauleeni isa faarsa!


Nami waan akana kana jed'u aka lafa ufi barbaadu jiru; diideese agarsiisa.


Tanaafi isanileeni d'ugefacha keesa jabaattani dura yau maltani, aka yayaba Oduuni Dansaani isanii kennite iraa inchochoone, ammalle aka abdi gaafa Odu Dansa d'ageetani argattani iraa ingorre. Oduuni Dansaani ta nama lafa ch'ufati odeesani tana; anini Pauloleeni ya hojattu isii tahe.


Jennaani hayyu Darioni tatabe nama gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufa, ka lafa ch'ufa keesa jiruti t'aafe waan jed'e, Nageenni isani bad'aad'a?


Hayyu Nebukadrezani qonqo tana nama gosa ch'ufatiifi ka d'aloota ch'ufatiifi ka afaani afaani dubbatu, ka lafa keesa jiru ch'ufa iti erge bultiini isani nagaya? Nageenni isani bad'aad'a? jed'e nagaya fuud'e.


Waan inni akasi guddinna argatefi nami gosa gosatifi ka d'aloota d'alootatifi ka afaani afaani dubbatuleeni ch'ufti sodaate isa durati hollate. Inni nama fed'u ijeese, ka fed'u lakisa, nama fed'u guddinna kenne ka fed'u iraa fuud'a.


Dubbi faarutiifi ta sirba Waaqaatiini wolhasaa; faaru Aabbo garaa keesani keesati gammadaani d'ahad'a.


Jennaani waan naani jed'ani, Ammalle d'aamsa Waaqaa ka gosa heddutiifi lafa heddutiifi afaani heddutiifi hayyoota ch'ufa odeesu malte.


Aka inni jara Waaqa had'e dabsatu ee jed'ani, ammalle jabeenna inni gosafi afaanifi lafa ch'ufaani dabsatu kennaniifi.


Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!


Malaikaani ammalle waan naani jette, Bisaani atini garte, ka niitiini gubba teetu, gosafi gumifi lafafi afaani heddu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite